AMN PLUS – Bitootessa 11/2018
Ayyaanni Iid Al Faxirii waggaan 1447ffaan guyyaa Jimaataa (Jum’aa) irra ooluun barakaa addaa qabaachuu agarsiisa jedhan Imaamni Masjiida Guddicha Anwaar Hajji Xahaa Haaruun.
Ayyaanni Iid Al Faxirii waggaa 1447ffaa akkaataa duudhaa amantichaa calaqqisiisuun Istaadiyeemii Finfinneetti sirna salaataan kabajameera.
Sirna salaataa ayyaanichaa dursaa kan turan Imaamni Masjiida Guddicha Anwaar Hajji Xahaa Haaruun ergaa dabarsaniin dachee argama dhala namaa kan taate Itoophiyaan biyya nagaa, jaalalaafi tokkummaa waaraa qabaattu akka taatuuf lammiileen biyyatti hundi tokkummaan dhaabbachuu akka qaban ibsaniiru.
Imaamtichi ergaa isaaniin hawaasni musliimaa hojiiwwan qajeelummaafi miira obbolummaa qaban baatii sooma Ramadaanaa keessa hojjechaa ture akka itti fufsiisu amantaa qabaachuu ibsaniiru.
Guyyaa ayyaana akka har’aa kana Zakaatal Fixrii yeroon namoota harka qalleeyyiif qaqqabsiisuun miira gammachuu qabuun ayyaanicha waloon dabarsuun dirqama barsiisa amantaa islaamaa ta’uus hubachiisaniiru.
Ayyaanni Iid Al Faxirii waggaa 1447ffaan guyyaa Jimaata (Jum’aa) irra ooluun barakaa addaa qabaachuun amanamaa kan ibsan Imaamni Masjiida Guddicha Anwaar Hajji Xahaa Haaruun ammas sooma guyyoota jahan Shawaalaa soomuun jabina hafuuraa guddifachuun hawaasa muslimaa irraa akka eegamu waamicha dhiyeessaniiru.