AMN PLUS – Bitootessa 10/2018
Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa umrii 18 gadii waltajjii kubbaa miilaa Awurooppaa irratti akka dorgomu ifoomeera.
Garichi qopheessummaa Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaan kan adeemsifamu tapha waancaa michoomaa UEFA irratti akka hirmaatu carraa argateera.
Dorgommii kanarratti Ardiilee garaagaraa irraa biyyootni 8 walitti dhufuun kan hirmaatan yoo ta’u hariiroo Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa waliin qabuun biyyoota Afriikaa waltajjicharratti hirmaatan lama keessaa tokko Itoophiyaa tahm’uun ibsameera.
Dorgommichis Turkiyeetti Bitootessa 28 hanga Eebla 10/2018 tti adeemsifama jedhameera.
Waltajjii Ardii Awurooppaatti qophaa’u gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa umrii 18 gadii itti hirmaatu kun keessummeessituu taphichaa Turkiyee dabalatee Itoophiyaa, Noorweey, Uzbeekistan, Koostaarikaa, Paaraagaay, Uraagaay fi Morookoon akka itti hirmaatan Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa mirkaneessera.
Itoophiyaafi Morookoon Ardii Afrikaa bakka bu’uun dorgommicharratti hirmaatu.