AMN PLUS – Bitootessa 10/2018
Konkolaattotni kumaatamaan lakkaa’aman Jaappaan Irraa fe’amanii gara Dubaayitti geeffamaa turan Buufata Doonii Keeniyaa Laamuutti buufamuu Hoggantootni Buufatichaa beeksisaniiru.
Sabaa himaaleen Keeniyaa Buufata Doonii Laamuu hambaa Idil Addunyaa ta’uun UNESCO’tti galmaa’ee jirutti konkolaataawwan cululuqoo Poorshee (Porsche) hedduun man-kuusaa keessa galfamaa jiraachuu gabaasaniiru.
Konkolaattotni kunneen dooniiwwan lama irraa torban darbee kanneen buufaman 4000 kan caalan keessatti argamu jedhameera.
Walitti bu’iinsa Giddugaleessa Bahaatti adeemsifamaa jiruun galoon galaana Hormuuz cufamuu hordofee imalli dooniiwwanii addaan cituun beekama.
Konkolaattotni kunneen bakka itti geeffaman Buufatni Doonii Dubaayitti argamu Jabal Alii jedhamu haleellaa qilleensarraa Iraaniin rukutameera.
Akka anga’ootni Buufata Doonii naannawichaa ibsanitti buufatni Doonii Laamuu Doonii guddaa konteeyinara konkolaattota Kuma 5 keessummeessuuf humna qabu jedhameera.
Hoji Gaggeessaan Buufata Doonii Laamuu Abdullaaziz Mazii konkolaattotni kunneen haalli jiru hanga tasgabbaa’utti Buufata Doonii kana irra akka turan ibsuu isaanii TRT fi AFP’n gabaasaniiru.
Anga’aan Buufata Dooniiwwanii Keeniyaa toora miidiyaa hawaasummaan, yaa’iinsa tiraafikaa olaanaa sababa waraana kanaa uumamuu keessummeessuuf Buufatni Doonii Laamuu qophaa’aa ta’uu ibsaniiru.
Buufatni Doonii kun qaama koriidarii geejjibaa naannawaa doolaara Biliyoona 23 yoo ta’u daangaa Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa Keeniyaa waliin wal quunnamsiisudha.
Buufatni Doonii Laamuu Bara 2021’tti hojii akka eegales isaa ni yaadatama.