AMN PLUS – Bitootessa 12/2018
Aadde Hawwaa Shariif jiraattuu magaalaa Finfinneeti. Isaan Kutaa Magaalaa Lidataa naannawwaa Saarbeetii/Calcalii mana gandaa xiqqoo jireenyaaf hin mijanne keessa maatii 5 tahan waggoota dheeraaf jiraachaa turu AMN Sagalee Dhalootaatti himaniiru.
Aadde Hawwaan miira gadadoo keessa tahuun jireenya isaanii kaleessaa yoo yaadatan warra lubbuun jiruu gaditti; warra du’een olittiin jiraachaa tureen ibsuun garaa nama nyaatu.
Aadde Hawwaan mana dhiphoo keessa turan yoo ibsan jireenya baay’ee ulfaataa dabarsuu, firaashii tokkitti hafatanii maatiin hundi cinaacha isaanii akkuma taheetti hirkifachaa akka turan turtii AMN waliin taasisaniin ibsaniiru.
Kana biratti umriifi haalli fayyummaa isaanii walitti ida’ame mana dhiphoo sana wajjiin Cittoo irratti Fanxoo akkuma jedhamu itti tahee turuu Aadde Hawwaan hubachiisuun keessattu dhiphina mana keessa turaniin wal-qabatee lafa dhi’u akka yaadda’aan ibsaniiru.
Kana biratti dhiphinni mana keessa turanii wayita ayyaanaa Aadde Hawwaan ijoollee isaaniifi ijoollee ijoollee isaanii waliin akka garaatti wal arguuf rakkisaa akka tures yaadatu.
Amma jireenyi kaleessa Aadde Hawwaafi ijoolleen isaanii keessa turan jijjiirameera. Kun ni taha jedhan guyyaa tokko akka eegan hin beekne kan yaadachiisan Aadde Hawwaan Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee hojii namooma irratti xiyyeeffatee hojjetuun isaan bira gahuun gamoo abbaa darbii 4 ijaarame keessaa mana jireenyaa bal’aa argachuun warra gammachuu tahaniiru.
Harka gaarummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee isaan qaqqabe galateeffachuun ala jechan ittiin ibsuu hin qabu kan jedhan Aadde Hawwaan mana haaraa argatan keessatti fuula ifaan kolfan bashaa’a maatii isaanii hunda waliin Ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1447ffaa dabarsuu ibsaniiru.
Intalli Aadde Hawwaa biyya Arabaatti deddeebi’uun hojjettee waan argatteen maatii gargaaraa turuu ibsuun duraan manni keessa turan baay’ee dhiphaa tahuun meeshaalee mimmiidhagoo alaa fidde gadi baasuuf akka hin mijanneefi amma mana haaraa kenname keessatti miidhagina dabalataa tahullee yaada AMN’f kenniteen dubbatteeti.
Aadde Hawwaafi maatiin isaanii Hoggantoota Magaalaa Finfinnee carraa kana mijeessan keessattu Kantiibaa Adaanech Abeebeefi Abbootii Qabeenyaaf galata onneerraa maddee dhiyeessaniiru.
Seenaan Aadde Hawwaafi fakkaattoota isaanii karoora Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Hojii Namoomaaf Xiyyeeffannoo kennee hojjechuun Magaalaa jiraattota ishee waliin guddatu uumuu dhugoomsaa jiraachuuf ragaa guddaadha.
Iddoosaa Abdiitiin