Guyyaa Saalessa Sammuu Kabajuun Maaliif Barbaachise?

You are currently viewing Guyyaa Saalessa Sammuu Kabajuun Maaliif Barbaachise?

AMN PLUS-Bitootessa 12/2018

Guyyaan saalessa sammuu (Down Syndrome) Addunyaa waggaa waggaadhaan akka Itoophiyaatti Bitootessa 12 kan kabajamu yoo ta’u, akka warra faranjootatti ammoo Bitootessa 21 kabajama.

Guyyaan kun akka kabajamuuf sababoonni gurguddoon waa’ee saalessa sammuu irratti ilaalcha dogoggoraa hawaasni qabu jijjiiruufi odeeffannoo sirrii tamsaasuuf akka gargaaru yaadamee ta’uu odeeffannoowwan bahan ni agarsiisu.

Kunis namoonni saalessa sammuu qaban dandeettii isaaniifi gumaacha hawaasaaf taasisan agarsiisuuf carraa gaarii uuma.

Namoota haala kana keessa jiran kamiyyuu akkuma namoota biroo mirga walqixaa, carraa fi hirmaannaa akka qabaatanif jajjabeessuuf guyyaan kun akka kabajamu ibsameera.

Kunis faayidaa isaanii manneen barnootaa, fayyaafi hojii keessatti akka mirkaneeffatan kan agarsiisu yoo ta’u, kabajni guyyaa kanaa carraa maatii, ogeeyyii fayyaafi fedhii gaarii qaban waliin muuxannoo wal jijjiiruu waltajjiif kan uumu ta’uun ibsameera.

Guyyaan akka faranjootatti Bitootessa 21 (21/3) itti kabajamuu kunis carraan kan filatame osoo hin taane saayinsiidhaan kan wal-qabate yoo ta’uu, kunis Down Syndrome (guddina sammuu daangeffamaa) yeroo uumamu, kiromosoomii 21ffaa keessa kiromosoomiin dabalataa (sadaffaan) argamuun akka ta’e ibsameera.

Kanaaf, akka faranjootaatti ji’a sadaffaa Bitootessa fi guyyaa 21ffaa filachuun hiika saayinsaawaa ‘Trisomy 21’ (kiromosoomii 21 sadii) jedhu akka bakka bu’utti ibsama.

Guyyaan kun waggaa waggaan mata-duree isaan wal qabatuun kan kabajamu yoo ta’u, yeroo baay’ee xiyyeeffannaan isaa ergaa ‘Nu qofaaf miti, nu waliin’ (With Us, Not For Us) jedhu irratti kan fuulleffatu ta’uun akka kabajamuus ibsameera.

Guyyaa saalessa sammuu Addunyaa bara kanaa mata-duree (Qophummaarra Walooma) Garaagarummaan Keenyaa Miidhagina Keenyaa”) (“Together Against Loneliness!”) jedhun kan kabajamuu ta’uun isaas ibsameera.

Itoophiyaattis Faawundeeshiniin Dibooraa guyyaa borii Addababayii Michummaatti Guyyaa Saalessa Sammuu Addunyaa namoota kuma 15 ol hirmaachisuun kabaja.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply