AMN PLUS – Bitootessa 11/2018
Ayyaanni Iid Al-Faxirii waggaa 1447ffaa Addunyaa guutuu keessatti hordoftoota amantaa Islaamaatiin akkaataa duudhaa amantichaatti sirna ho’aan kabajama.
Hordoftoonni amantaa Islaamaa Ramadaana keessa soomaa fi kadhannaa isaanii xumuruun booda ayyaana kana haala ho’aa ta’een kabajatu. Haa ta’uu malee biyyoonni addunyaa kanaa aadaafi sirna mataa isaaniitiin kabaju.
Haaluma kanaan biyya Afgaanistaanitti warri dhiirotaa killee bilchaatee fudhatanii bahuun dorgommii taphaa adeemsisu. Dorgommiin kunis “Tapha Killee” jedhamuun kan beekamu yoo ta’u kunis hanqaaquu wal harkatti cabsuudha. Dhumarrattis namni osoo hanqaaquun isaa hin cabin oolfate dorgomicha ni injifata jechuudha.
Biyya Chaayinaatti ammoo hordoftoonni amanta Islaamaa ayyaana Eid kabajuuf, gara awwaala abbootii isaanii duraanii deemun bakkee awwaala qulqulleessuufi Quraana dubbisuun kan dabarsan yoo ta’u kunis warra darban yaadachuun ayyaana isaanii maatii isaanii waliin ciminaan walitti hidhata akka qabuutti kan yaadamuudha.
Biyya Turkiyee keessatti ayyaanni Iid Al-Faxirii yeroo tokko tokko “Ayyaana Karamellaa yookaan Sukkaaraa” jedhamee kan waamamu yoo ta’u, ijoolleen ollaarraa deemuudhaan, firoottanfi maatii isaanii nagaa yoo gaaafatan jaarsoliifi maatiin ammoo ijoollee kanneenif karamellaa, chokoleetiifi waan mi’aawwaa kennuudhaan kabajatu.
Biyya Indoneezhiyaa ammoo ayyaana Iid Al-Faxirii kabajuuf namoonni miiliyoonotan lakkaa’aman magaala guddoo biyyatti irraa ka’anii gara gandoota dhalootaa isaanitti imaluun kan kabajatan yoo ta’u, imalli kunis Addunyaa irratti sochii uummataa waggaa waggaan taasifaman keessaa isaa guddaa akka ta’e kan agarsiisuudha.
Biyya Morookoo keessatti dhiironni ayyaana Iid Al-Faxirii kabajuuf uffata aadaa isaanii “Jillaabaa” jedhamu uffatanii masgiida dhaqanii soolaatinii erga deebi’anii booda nyaata aadaa isaanii kan ta’e “Nanaa shaayii” fi nyaata “Misaman” jedhamuu qopheessanii maatii waliin nyaachuun sirna ayyaanaa kabajamuudha.
Itoophiyaa keessatti, Musliimonni ayyaana Iid Al-Faxirii tokkummaan daandii irratti soolaatu, kabaju, ollaafi maatiin walwaamuufi waan qaban waliif qooduun ayyaana kabajamuudha.
Ayyaanichi guutuu Addunyaarratti akkasiin kabajama jechuudha.
Isin mana mana keessanitti haala kamiin kabajaa jirtu? Yaada keessan nuf qoodaa!