AMN PLUS- Bitootessa 11/2018
Ayyaana Iid Al-Faxirii sababeeffachuun kutaalee magaalaa hunda keessatti Giddugaloota Soorataa Tasfaa Birhaan 28’tti lammiilee harka qalleeyyiifi qaama miidhamtootaaf maaddii qooduu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.
Kantiibaa Adaanech giddu galoota soorataa Tasfaa Birhaan 28 Finfinneetti argaman keessaa Kutaalee Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo lakkoofsaa 6ffaafi Kolfee Qaraaniyoo lakkoofsa 21ffaatti argamuun maaddii qooduun tajaajilamtootaaf gammachuu ayyaanaa ibsaniiru.
Giddu galatootni kunniin sooma Ramadaanaafi Faasikaan walqabatee akka amantaa isaaniitti tajaajilota garaagaraa tajaajilamtootaaf kennaa turuun ibsameera.
Aadde Adaanech waamicha keenya kabajjanii abbootiin qabeenyaa giddu galoota kanneenitti warreen tajaajilaman sooraa kan jirtan, tumsitootniifi qindeessitootni guddaa galatoomaa jechuun galateeffataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Ayyaanichi kan gammachuufi waloomni itti cimu akka tahu hawwii gaarii qaban ibsaniiru.