Kitaabni Mata Dureen Isaa Abuna Pheexroos (Magarsaa Badhaasaa) Jedhu Hangafa Aanga’ootaa Ijaaraa Girmaatiin barreeffame eebbifam

You are currently viewing Kitaabni Mata Dureen Isaa Abuna Pheexroos (Magarsaa Badhaasaa) Jedhu Hangafa Aanga’ootaa Ijaaraa Girmaatiin barreeffame eebbifam

AMN PLUS – Bitootessa 13/2018

Kitaabni Mata dureen isaa Abuna Pheexroos (Magarsaa Badhaasaa) jedhu Hangafa Aanga’ootaa Ijaaraa Girmaatiin barreeffame Yaadannoo Injifannoo Adwaatti eebbifameera.

Saganticha irratti Eebbifamoo Abuna Saawiroos Hoji Gaggeessaa Olaanaa Waajjira Mana Lubummaa Waliigalaa, Teessoo Paatriyaarkii fi Angafa Phaaphaasii Kutaa lallaba Shawaa Kibba Lixaa fi Magaalaa Shaggar, Eebbifamoo Abuna Diyoosqooroos Barreessaa Olaanoo Qulqulluu Sinoodoosiifi Hoggantoota olaanoo Waajjira Mana Lubummaa Waliigalaa dabalatee,keessummoonni garaagaaa argamaniiru.

Kitaabicha xumuruuf waggoota 6 kan itti fudhate ta’uu kan himan barreessaan kitaabichaa Hangafa Aanga’ootaa Ijaaraa Girmaa,haala guddinaa,aarsaa tajaajilaaf Abuna Pheexroos yookiin Magarsaa Badhaasaan kaffalan irratti maatii dubbisuufi bakka dhaloota isaanirraa eegaluun bifa adda ta’een dubbistootaaf dhiyeessuu himan.

Abuna Pheexroos Abbaa amantaa qofa osoo hin taane,Loltoota Itaalii fuuldura dhaabbachuun biyyaaf dursa kan kennan fakkeenya cichoominaati kan jedhan Eebbifamoo Abuna Saawiroos, seenaa dhalootaan bara baraan caalmaatti leellifamuu qabuudha jechuun dubbataniiru.

Kitaabni Abuna Pheexroos (Magarsaa Badhaasaa) Afaan lamaan Afaan Oromoofi Amaaraan kan barreeffame yommuu ta’u,guyyaa har’aa eebba abboota amantaan ifatti dubbistootaaf dhiyaatera.

Gabaasni kan Dachaasaa Dhaabiiti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply