AMN PLUS-Bitootessa 16/2018
Baadiyyaas ta’es magaalaa jiraachuuf bu’uuraaleen misoomaa baay’ee barbaachisoo akka ta’an Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.
Iddoo hundatti jireenya gaarii jiraachuuf bu’uuraaleen misoomaa murteessoodha kan jedhan Dooktar Abiyyi, daandiifi humni ibsaa yoo hin jiraatiin akkasumas tajaajilli telekoomii yoo hin jiraatiin jireenyi haala salphaan argamuu akka hin dandeenye himaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa dhabamuu isaatiin hawaasni baasii hin malleef saaxilamaa jiraachuu kaasuun rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa furuuf hojiiwwan bal’aan akka hojjetameefi itti fufuus akka qabu ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneetti bu’uuraaleen misoomaa baay’een hojjetamu kan kaasan Ministirri Muummee,isaan keessaa tokko tajaajilli geejjibaa “Smart” kennamaa jiraachuu dubbataniiru.
Geejjiba ‘Smart’ taasisuun waan hunda of keessaa qaba kan jedhan Dooktar Abiyyi, daandiin aspaaltii bal’aa, daandiin deemsa miilaa, kan biskileetii akkasumas qaama miidhamtootaafis yaadamee hojjetamuu eeraniiru.
Geejjibni ‘Smart’ galma misooma koriidarii keessaa isa tokko ta’uu ibsuun, misooma kanaan walqabatee iddoon dhaabbii konkolaataa, buufata tajaajila chaarjessa konkolaataa elektirikaa (EV Charger) fi kaameeran Yakka adda baasuu Magaalaa Finfinnee keessatti bakka hundatti hojjetamuun tajaajila hawaasaa daran akka fooyyesse dubbataniiru.
Sochii bu’uuraalee misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetame kana guutuu biyyaatti waliin gahuuf Itti fufiunsaan kan hojjetamu ta’uus Dooktar Abiyyi himaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e