Finfinneen kalaqa dargaggootaafi artiif magaalaa mijattuu taateetti

You are currently viewing Finfinneen kalaqa dargaggootaafi artiif magaalaa mijattuu taateetti

AMN PLUS-Bitootessa 15/2018

Biiroon Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Feestivaala Aartii dargaggoota hedduu hirmaachise Paarkii Araadaatti qopheesse.

Feestivaala kanaan agarsiisni sarkasii, hojiiwwan muuziqaafi shubbisaa akkasumas hojiileen fakkiifi ogummaa biroo dhiyaataniiru.

Hogganaan Biiroon Dargaggootaafi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Assaggifawu W/goorgis misoomnifi miidhaginni Finfinneen uffataa jirtu dargaggootni kennaa isaanii akka baasanii fayyadaman taasisaa jiraachuu himan.

Feestivaalli kunis kutaalee Finfinnee hundatti akka gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu eeran.

Dargaggoonni feestivaalicha irratti hirmaatan bu’uuraaleen misoomaa Finfinneetti babal’ataa jiru dargaggoota kan gifdugaleeffatan ta’uu himan.

Carraa kana fayyadamuun hojii ogummaafi artiif isaanii akka guddifatan fubbataniiru.

Gabaasni kan Beetelihem Ayyaanooti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply