Finfinneen dursitee misoomuun, yeroo gatiin boba’aa dabale kanatti qormaata ishee oolcha – Biiroo Daldalaa Magaalattii

You are currently viewing Finfinneen dursitee misoomuun, yeroo gatiin boba’aa dabale kanatti qormaata ishee oolcha – Biiroo Daldalaa Magaalattii

AMN PLUS – Bitootessa 15/2018

Finfinneen bu’aa misooma koriidarii kan tahe bu’uuraalee misoomaa sadarkaa isaanii eeggatan dursitee guuttachuun keessattu daandii mijataa imaltootaafi biskileetiif tolu diriirsuun yeroo gatiin boba’aa akka Addunyaatti dabale kanatti filmaatilee daandiiwwan qaxxaamuraa imala miilaafi biskileetiif mijatan fayyadamuun baasii geejjibaaf bahu hambisuun akka danda’amu Hogganaan Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Obbo Simmanyoowu Tashoomaa ibsaniiru.

Walitti bu’iinsa Baha Giddu Galeessatti uumame hordofee dhiyeessiin boba’aa hir’achuufi gatiin isaa ammoo baay’ee dabaluun yaadannoo biyyoota Addunyaa tibbanaati.

Haala qabatamaa amma jiru darbuuf konkolaattota anniisaa elektirikaan hojjetan fayyadamuun dhiibbaa boba’aan qaqqabsiisu irraa ooluun filmaata biroo haala amma jiruu tahus Obbo Simmanyoowu ibsaniiru.

Hogganaan Itti Aanaa Biiricha itti dabalauun boba’aan biyyoota alaarraa galu bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee buufataalee boba’aa biyya keessaa akka qaqqabu ibsuun adeemsa kana keessa darbee hanga raabsaamuutti kan jiru qusatan fayyadamuun abshaalummaa tahus hubachiisaniiru.

Yaada qusannaa boba’aa kan gabbisan hojii konkolaachiisummaatti bobba’uun hojjechaa kan jiran konkolaachiisaa Hiddaasee Taarikuu gatii boba’aa akka Addunyaatti olka’e dandamachuun hojjechuuf waamicha Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) boba’aa sirnaan qusachuun akka fayyadaman lammiilee biyyattiif dabarsan hojiitti hiikuun hojjechaa jiraachuu yaada AMN Sagalee Dhalootaaf kennaniin ibsaniiru.

Konkolaachiistootni biroo AMN dubbise kanaan dura fageenya dheeraas tahu gabaabaaf konkolaataa fayyadamuu aadeffatan turu kaasuun har’a garuu haala waqtaawaa Addunyaa mudate hordofee konkolaataa dhimmoota baay’ee murtoo tahan qofaaf dhimma itti bahuun boba’aa qusachaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbilee mootummaas tahu abbootiin qabeenyaa dhuunfaa konkolaattota hedduu qaban aadaa tajaajila geejjibaa kanaan dura ture keessaa bahuun keessattuu dhaabbileen mootummaa akka walitti dhiyeenya isaanitti, konkolaattota muraasa waloon fayyadamuun yeroo hamtuu kana darbuun akka danda’amu konkolaachiistootni AMN’f yaada kennan dubbataniiru.

Hojjettoota buufataalee boba’aa raabsaan keessaa tokko kan tahan Obbo Gazzaahany Gabreehaannaa adeemsa boba’aa tajaajilamtootaaf raabsuu keessatti dambiifi qajeelfamoota mootummaan gadi diriirse hordofuun hojjechaa jiraachuu ibsuun bitta boba’aa seera qabeessa hin taane akka hin keessummeessine dubbataniiru.

Gabaasa Warqineeh Abbiyyoo, Iddoosaa Abdiitu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply