AMN PLUS – Bitootessa 15/2018
Walitti bu’iinsa Baha Giddu Galeessaa keessatti uumameen hanqina boba’aa Addunyaa mudate darbuuf biyyootni garaagaraa tarkaanfii yeroo gabaabaafi dheeraa fudhachuuf dirqamaniiru.
Biyyootni tarkaanfii ariifachiisaa adda addaa fudhachuu dabalatee tarsiimoo yeroo dheeraa isaaniis fooyyessaa jiru.
Tarkaanfiilee furmaataa keessaa: qusannaa humnaa (energy saving), bulchiinsa dhiyeessiifi kuusaa, deeggarsa diinagdeefi jijjiirama dhaabbattummaa yeroo dheeraafi kanneen biroof xiyyeeffannoo kennaniiru.
Biyyoota Addunyaa tarkaanfii qusannaa humnaa ariifachiisaa akkasii fudhachaa jiran keessaa Paakistaaniifi Sirilankaan akka fakkeenyaatti kahu.
Sirilaankaa sirna qoodinsa boba’aa bifa dijitaalawaan (QR code) yoo diriirsitu, Maaynaamaar ammoo lakkoofsa gabatee konkolaattotaa guutuufi qara jechuun daangessuun akkaataa itti fayyadama boba’aa ishee qusachaa jiraachuun ibsameera.
Paakistaaniifi Philiippinsi guyyaa hojii torbeetti qaban gara afuritti yoo hir’isan, Baangilaadish itti fayyadama boba’aa qusachuuf barnoota toora intarneetiin kennaa jirti jedhameera.

Haaluma walfakkaatuun Taayilaandiis hojjettootni hojii mootummaa mana tahan akka hojjetan murteessuun biyyoota Addunyaa itti fayyadama boba’aa qusachuuf tarkaanfii garaagaraa fudhatan keessatti eeramtetti.
Biyyootni tokko tokko ammoo boba’aa kuusan gadi lakkisuu, boba’aa gara alaatti ergamu daangeessuufi waliigaltee haaraa bittaa boba’aa raawwachuu irratti hojjechaa jiru.
Fakkeenyaaf Awuustiraaliyaafi Kooriyaan Kibbaa gabaa boba’aa Addunyaa tasgabbeessuuf boba’aa duraan kuusan Liitira Miliyoona hedduu gabaaf dhiyeessuun ibsameera.
Gama biroon Chaayinaan boba’aa gara gabaa alaatti ergitu yoo dhaabdu, Maaleezyiyaan murtoo Chaayinaa kana hordofuu hin ooltuun ibsameera.
Hindiifi Sirilaankaan biyyoota akka Raashiyaa dhiyeessi boba’aa gahaa qabanirraa galfachuuf yaadaa warreen jiran jedhamaniiru.
Haala amma boba’aan walqabatee Addunyaa mudate dandamachuuf biyyootni tokko tokko ammoo deeggarsa taasisuufi gibira hir’isuun bu’aa argamu to’achuun dinagdeen isaanii akka bayyanatan filannoo taaasifachuun ibsameera.

Fakkeenyaaf Jaappaan gatii boba’aa yoo daangessitu, Veetinaam ammoo dhiyeessii boba’aa irratti gibira duraan kaffalchiistu 0% taasisuun ibsameera.
Xaaliyaaniifi Faransaay ammoo abbootii qabeenyaa bu’aa hin mallee argachuuf hojjetan irratti gibira dabaluufi kuusaa buufataalee boba’aa ofiin to’achuuf murteessuun himameera.
Biyyootni karoora yeroo dheeraan gara madda anniisaa haaromfamaatti ce’uuf hojjetan jiraachuunis akkasuma ibsameera.
Hanqinni boba’aa akka Addunyaatti uumame biyyootni garaagaraa yaada furmaata jedhanii itti amanan akka mala dhahan yoo taasisu Ardiin Awurooppaa imala gara gaazii uumamaa fayyadamutti taasiftu akka saffisiistuu daandii yoo saaquf, Hindii ammoo konkolaattota anniisaa elektirikaan hojjetan akka hatattamaan hojiitti galchitu taasisuun ibsameera.
Walumaagalatti biyyootni Addunuyaa hanqina boba’aa waraana Baha Giddu Galeessaa hordofe jalaa bahuuf filmaatilee dhiyeessiifi qusannaa boba’aa mala dhaha kan jiran yoo tahuu, Itoophiyaanis hawaasni boba’aa qusannaan akka fayyadamu taasisuuf tarkaanfii garaagaraa fudhachaa kan jirtu yoo tahu qaala’iinsa jireenyaa tasgabeessuuf deeggarsa (subsidy) garaagaraa kennaa jirti.
Iddoosaa Abdiitiin