Finfinneen tajaajila doqdoqqeewwan anniisaa elektirikaan hojjetanii babal’isuun daballii gatii boba’aa irraa dandamachaa jirti- ‘Xinhua’

You are currently viewing Finfinneen tajaajila doqdoqqeewwan anniisaa elektirikaan hojjetanii babal’isuun daballii gatii boba’aa irraa dandamachaa jirti- ‘Xinhua’

AMN PLUS – Bitootessa 14/2018

Saamu’eel Abbaabbuu dargaggeessa waggaa 22 jiraataa Magaalaa Finfinneeti. Dhaabbata Kiliik (Klik) kan tajaajila nyaata, dhugaatii, qorichaafi tajaajiloota biroo bakka tokkoo gara bakka biraatti geejjibsiisuun hawaasa tajaajilu keessa hojjata. Dhaabbatni kun hojjattoota tajaajila kana kennan 100 yoo qabaatu, Saamu’eel isa tokkodha.

Tajaajila kana ammoo kan kennu motora elekirikaa ‘e-bikes’n yoo ta’u madda galii mijeeffachuu irra darbee faayidaalee garaagaraa isaaf argamsiisuu ‘Xinhua’tti himeera. Rakkoo tiraafikaaf saaxilameen dhaabbadha, gatii boba’aatu dabale, bakkan itti dhaabbadhu yookaan paarkingiin dhabe jedhanii yaadda’uun akka hin jirre dubbachuun walaba ta’ee hojii isaa hojjachaa jiraachuu dubbateera.

Saamu’eel, motora elektirikaa fayyadamuun gatiin isaa madaalawaa ta’uu irra darbee doqdoqqeewwan idilee kanneen boba’aan socho’an caalaa saffisa qabu. Inni guddaan ammoo yeroo akkas gatiin boba’aa qaala’u faayidaa hanga hin jedhamne qabu” jechuun ibseera.

Motorootni elektirikaa tajaajila meeshaa fayyadaman barbaadu bakka tokko irraa gara bakka biraatti geessuu taasisaa jiraniin qofa osoon taane, faayidaan isaan Itoophiyaa keessumaa Finfinnee keessatti argamsiisaa jiran olaanaa ta’uu gabaasni ‘Xinhua’ kun eereera.

Keessumaa tarsiimoo Itoophiyaan tajaajila geejjibaa gara elektirikaatti ceesisuuf taasisaa jirtu ceesisuun, biyyattiin sharafa alaan maallaqa guddaa doolaara biliyoonaan lakka’aamu boba’aaf dhangalaastu gama hir’isuun milkaa’ina olaanaa kan galmeessisu ta’uu ibseera.

Gabaasni Xinhua kun Itoophiyaan ALA’tti bara 2024 irraa eegaluun konkolaataawwan bobo’aan socho’an biyya alaa irraa galchuu kan dhaabde ta’uu eeruun kanneen konkolaataawwan elektrikaa galchaniif onnachiisuuf hir’isa gibiraa taasisuu ishee yaadachiiseera.

Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii FDRI tibbana rakkoo Baha Giddugaleessaa keessatti uumame hordofuun gatiin boba’aa dabaluufi hanqinni uumamuu hordofee ce’umsa tajaajila geejjibaa elektirikaa kan jajjabeessu ta’uu eereera.

Dhaabbilee tajaajila geejjiba motora elektirikaa kennaa jiran keessaa tokko “Lodric Trading PLC” kan jedhamu ta’uu eeruun maqaa daldalaa “Yadea Ethiopia” doqdoqqeewwan elektirikaa magaalota Itoophiyaa Shan keessatti erga raabsuu jalqabee waggootni muraasni lakka’amuu ibseera.

Magaalaa Finfinnee keessatti namootni eyyema konkolaachisummaa qaban daangaa ariitii sa’aatii tokko keessatti Kiiloo Meetira 30’n daandii biskileetii irra akka oofan eyyemameera.

Fayyadamtoota mootora elektirikaa keessaa Isaayyaas Faxxanaa, karoora motora elektirikaa bitachuu akka qabu ibsuun, “malli geejjibaa elektirikaa baasii qusachuu irra darbee, dhaabbatni gurguraa jiru illee meeshaawwan jijjiirraa waan qabuuf yoo caban suphuuf rakkisaa hin ta’u jechuun Xinhua’f yaada kenneera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply