Kana booddee gabaan Turizimii addunyaa gara ardii Afrikaatti fuulleffata – MM Abiyyi Ahimad (PhD)
AMN PLUS – Bitootessa 16/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Afrikaan yeroon itti gabaa turizimii Addunyaa qooddattu amma tahu ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi turtii Tv Qaanaa waliin taasisaniin kana booddee gabaan turizimii Addunyaa gara Ardii Afrikaatti akka fuulleffatu ibsuun kunis bakkeewwan hawwata turizimii biyyootni Lixaa duraan itti tajaajilamaa turan bara isaanii fixachuun haaromsa kan barbaadan tahuufi Ardiin Afrikaa ammoo iddoowwan hawwata turizimii uumaan badhaaseetti sona dabalaa jiraachuun tahuu hubachiisaniiru.
Afrikaa keessa ammayyuu haalotni turizimiif mijatoo garuu xiyyeeffannoo gahaa hin argatiin hedduun jiraachuu kan kaasan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi qabeenya qabnutti sona daballee yeroon itti gabaa turizimii Addunyaa sirnaan qooddannu amma tahuu hubachuun kutannoon hojjechuun barbaachiisaadha jedhaniiru.

Itoophiyaa dachee argama dhala namaa uumamni bakkeewwan hawwata turizimii hedduu badhaasus ibsuun imalli misoomaa amma itti jirus warreen gabaa turizimii Addunyaa qooddatan keessa nu galcha jedhaniiru.
Hudhaalee xixiqqaa damee turizimiin jiran keessaa baanee carraa argame hundaan turistoota Idil Addunyaa gara keenyatti harkisuun nurra jiraataas kan kaasan Dooktar Abiyyi kanneen keessaa keessummoota carraa garaagaraan gara Itoophiyaa dhufan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee irraa eegalle akkaataan itti simannuufi kunuunsinu fuula ifaan tahu qabaan hubachiisaniiru.
Kun Konkolaachiistoota tajaajila geejjibaa kennan akkasumas hojjettoota hojii mootummaa garaagaraas akka ilaallatu ibsuun Ministirri Muummee garaagarummaa yaadaa qabnu bakka itti ibsannu adda baasuun dhimma iccitii biyya keenyaarratti yaadaafi ejjennoo wal-fakkaataa qabaachuu yoo dandeenye carraalee gabaa turizimii Addunyaa qooddachuu itti dandeenyu hedduutu harka keenyarra jira jechuun ibsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa Itoophiyaan yeroo itti aanu keessummeessituuf qophiin taasifamu maqaa gaarii Finfinnee ijaaruu keessatti carraa addaa akka qabaatus hubachiisaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin