Yaa’insi invastimantii Finfinnee baay’ee dabalaa jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Yaa’insi invastimantii Finfinnee baay’ee dabalaa jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS – Bitootessa 16/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Fooramii jalqabaa Itiyoo – Itaalii dhimma Konistiraakshinii, Bu’uuraalee Misoomaafi Magaalota deebisan misoomsuu bu’uureffate irratti hirmaachuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech Itti Aantuu Ministira Dhimma Alaa Itaalii Maariyaa Tiriippoodii dabalatee qondaaltoota hojii mootummaa biyyoota lameenii waliin tahuun konfiraansicha eegalchiisuu ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech yeroo ammaa sochiin daldalaa fooyya’aan jiraachuun yaa’insi invastimantii gara Finfinneetti taasifamu baay’ee dabalaa akka jiru waltajjicharratti ibsaniiru.

Yeroo Finfinneen saffisaan jijjiiramaa jirtu kanatti Fooramiin jalqabaa Itiyoo – Itaalii dhimma Konistiraakshinii, Bu’uuraalee Misoomaafi Magaalota deebisan misoomsuu bu’uureffate gaggeeffamuun waqtii isaa kan eeggate, sirriifi baay’ee barbaachiisaa tahus ibsaniiru.

Aadde Adaanech bulchiinsi magaalaa Finfinnee damee dhuunfaafi babal’ina invastimantiif deeggarsa akka taasisuu ibsuun lammiileen Itaalii magaalaa Finfinnee saffisaan jijjiiramaa jirtu keessatti sochii ivastimantii bal’aa jirutti akka hirmaatan waamichas dhiyeessaniiru.

Jijjiiramni Finfinnee irra ishee qofa osoo hin taane hojii daldalaaf haala mijataa qabaachuu akka dabalatus Kantiibaa Adaanech hubachiisaniiru.

Kanneen damee invastimantitti hirmaachuuf fedhii qabaniif tajaajilli giddu gala tokkoo akka Addis Masoob saffisaafi qulqullinaan keessummeessuuf qophii tahuus himaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhaabbilee dhuunfaa deeggaruuf baay’ee qophii tahuu kan hubachiisan Kantiibaa Adaanech Abeebee Fooramiiin gaggeeffama jiru kanaaf bu’uura akka ka’uus ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hirmaattotni Fooramichaa turtii isaanii Finfinneetti qabaataniin yeroo bu’a qabeessa akka dabarsan amantaa qabanis ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply