Misoomni Koridarii Sirna Daldalaa Magaalattii Jijjiireera – Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Misoomni Koridarii Sirna Daldalaa Magaalattii Jijjiireera – Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS – Bitootessa 17/2018

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) turtii Tv Qaanaa waliin taasisaniin, misoomni koridarii magaalaa Finfinnee sirna daldalaa magaalattii jijjiireera jedhan.

Falmii misoomni koridarii sochii daldalaa hir’ise jedhu ilaalchisee gaaffii ka’eef deebii kennaniin, misoomichi manneen daldalaa ammayyaafi wiirtuuwwan daldalaa hedduu ijaaruuf carraa uumeera jechuun ibsaniiru.

Dooktar Abiyyi ibsa isaanii keessatti mul’ata guddaa galmaan ga’uuf yoo yaadde gufuun akka baay’atu ibsuun, mul’anni mootummaa ifa ta’e magaalaa itti fufiinsa qabdu karooraan qajeelfamuufi jiraattota isheef mijattu uumuu akka ta’e mirkaneessaniiru.

Akka fakkeenyaattis ijaarsa wiirtuuwwan daldalaa ammayyaawaa, suuqiiwwan kanaan duraa irraa karaa adda ta’een akkaataa mijatuun ijaaramu ibsaniiru.‎

‎Akkasumas oomishtootni oomisha isaanii gabaa kallattiin fayyadamtootaaf dhiyeessuu akka danda’aniif wiirtuuwwan daldalaa gurguddoon bakka adda addaatti ijaaramuun tajaajila kennaa jiraachuu kaasaniiru.

‎Sirni haaraan kun gidduu seentummaa kanaan dura ture kan dhabamsiisu yoo tahu, oomishtootniifi qonnaan bultoonni oomisha isaanii gatii fooyya’aa ta’een akka gurgurataniif shamattoota waliin kallattiin akka wal argatan taasifamuus Dooktar Abiyyi hubachiisaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply