AMN PLUS – Bitootessa 17/2018
Biliyoonarri Biyya Naayijeeriyaa biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti hojiiwwan invastimantii gurguddaa ta’an irratti hirmaachaa jiru Aliikoo Daangotee Afrikaanotaan waa’ee boba’aa “Tasumaa hin dhiphatinaa, anatti dhiisaa” waan jedhan fakkaata.
Warshaan boba’aa guddichi Daangoteen hogganamu yeroo jalqabaaf biyyoota Afrikaa hedduuf boba’aa erguu eegaluu isaa beeksiseera.
Warshaan kun Peetirooliyemii Toonii Kuma 456 ta’u gurgurtaaf kan qopheesse yoo ta’u biyyootni akka Kootidiivaar, Kaameroon, Taanzaaniyaa, Toogoofi Gaanaa, fayyadamtoota gurgurtaa duraa kana ta’aniiru.
Warshaan calaltuu boba’aa Naayijeeriyaatti argamu kun guyyaatti boba’aa barmeela kuma 650 calaluu kan danda’u yoo ta’u, kunis fedhii boba’aa Naayijeeriyaa guutuu irra darbee biyya alaatti ergamaa jira.

Rakkoon Biyyoota Giddu Galeessa Bahaatti uumame hanqina dhiyeessii anniisaafi daballii gatii damdamachuuf boba’aa gara biyyoota alaatti erguun saffisaan akka jalqabamu taasifamuu sabaa himaaleen akka “Bloomberg” fi “allafrica.com” gabaasaniiru.
Jalqabbiin kun biyyoota Afrikaa Bahaa, Lixaafi Giddu Galeessaa keessatti dhiyeessii anniisaa waaraa akka uumu abdiin irra kaa’amuu hubatameera.
Warshaan calaltuu boba’aa kun ALA’tti bara 2024 hojii osoo hin eegalin dura Naayijeeriyaan fedhii boba’aa ishee guutummaatti biyya alaa irraa bituun guuttachaa kan turte yoo ta’u amma garuu biyya boba’aa erguu dandeessu taateetti.
Dubbi Himaan Warshichaa biyyoota Afrikaa qofa irraa osoo hin taane, ardiiwwan biroo irraas fedhiin boba’aa bituu Naayijeeriyaaf dhiyaachaa jiraachuun ibsameera.
Malkaamuu Abbabaatiin