Itoophiyaan Damee Invastimantiin Diinagdee Dorgomaa Ta’e Ijaaraa Jirti- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Itoophiyaan Damee Invastimantiin Diinagdee Dorgomaa Ta’e Ijaaraa Jirti- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS- Bitootessa 17/2018

Itiyoophiyaan damee invastimantii dorgomaa ta’e ijaaraa jiraachuu Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Fooramiin Bizinasii Ol’aanaa 4ffaan “Itiyoophiyaa keessatti Inveesti goodhaa” jedhu, mata-duree “Itiyoophiyaa Hojii Bizinasiif Qophoofte” jedhuun gaggeeffameera.

Obbo Tamasgeen Xurunaa baniinsa fooramicharratti ergaa dabarsaniin riifoormiin waggoota jijjiiramaa keessatti hojiirra oole bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan riifoormii kanaan durfamaa, damee invastimantii dorgomaafi mijataa ta’e ijaaraa akka jirtu dubbataniiru.

Ministirri Muummee Itti Aanaa qaama riifoormii dinagdee kan tahe sirna jijjiirraa maallaqa alaa gabaan durfamu hojiirra oolchuun naannoon invastimantii Itiyoophiyaa caalmaatti miijataa akka ta’u gargaarus ibsaniiru.

Naannoon invastimantii Itiyoophiyaa qaamolee invast gochuu barbaadaniif guutummaatti mijataa ta’uu akka qabus kaasaniiru.

Fooramicharratti Afa Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar, Pireezidaantii Mana Murtii Federaalaa Teewudiroos Mihirat, Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroon argamaniiru.

Fooramiin har’a eegale kun guyyaa borus kan gaggeeffamu yoo tahu bakka bu’oonni biyyoota adda addaas hirmaachaa jiru.

Gabaasni kan Mahaammad Toofiq

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply