AMN PLUS – Bitootessa 20/2018
Finfinneetti ibsaan daandii cinaa fooyyeffamuun tajaajila akka kennu taasifamuufi kaameraa nageenyaa bifa qindaa’aan bakka garaagaraa dhaabuun yakkoota duraan magaalattiitti raawwatamaa turan haalaan hir’isuu danda’uu humni waloo hordoffii bu’uuraalee misoomaa kesssa keessaafi ibsaa daandii hundeeffame beeksiseera.
Humnichi Kutaa Magaalaa Lidataa Aanaa sadii keessatti ibsaan daandii cinaafi kaameraan nageenyaa bakka garaagaraa dhaabbate tajaajila sirrii kennaa jiraachuu akkasumas hojiiwwan yakka hir’isuuf hojjetaman daawwateera.

Daawwannicha irratti ergaa kan dabarsan Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa nageenyi amansiisaa magaalattiin qabdu cimee akka itti fufuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turu ibsuun baatiiwwan 9 darban keessa ibsaa daandii cinaafi kaameraa nageenyaa babal’isuun hojiin hojjetame bu’aa qabatamaa galmeessuun yakka garaagaraa duraan dukkana dawoo taasifachuun raawwatamu hir’isuu ibsaniiru.
Hoji Raawwachiistuun Kutaa Magaalaa Lidataa Aadde Lii’ilti Gideey gama isaanitiin misoomni koriidarii hojjetame ittisa yakkaa keessatti gahee olaanaa bahachuu ibsaniiru.
Dabalataan kutaa magaalichaatti hojiileen ittisa yakkaa hojjetaman bu’aa qabeessa tahuun akka itti fufaniif fuulduratti hanqinoota jiran guutuuf ciminaan akka hojjetamu ibsaniiru.
Gabaasni kan Tsihoon Maammooti