AMN PLUS – Bitootessa 20/2018
Moggaasa maqaa ganamaan (Doobbii) Qacaneefi naannawwaan ishee har’a guutummaan guutuutti jijjiirameera.
Kana dura bakka balfi itti gatamu tahuun ala tajaajila biroof kan hin oolle Qacaneen amma garuu misooma qarqara laggeeniin bara argattee jiraattotaa Finfinneefi turistootaan bakkeewwan magaalatti baay’ee daawwatamaa jiran keessaati.
Misoomni Koriidarii Qacanee Maal Jijjiire?
Waggoota dheeraaf naannawwaa sana jiraataa kan turanis tahu sababa hojiin Qacanee warreen beekan irri ishee guutummaatti jijjiiramuun 2ffaa dhalatte jedhan ibsu.
Naannawwichi misooma magariisummaafi carraa misooma qarqara laggeen Finfinnee argachuun soora qalbii namaaf bakka bashannana addaati jechuun kanneen dhugaa jirtu dubbatanis hedduudha.
Hawwii Badhaasoo jiraattuu Finfinnee sababa hojii misoomaa garaagaraan naannawwaa Qacanee sirriitti beektu yoo taatu waanti hunduu jijjiiramee arguu isheetti miira gammachuu guddaa qabaachuu AMN’tti himteetti.

Lammiilee alaa dhufan dabalatee jijjiiramni Qacanee namoota hedduu ajaa’ibsiisuun harka afaanirra akka keewwachiisu Hawwiin waan taajjabde ibsiteetti.
Ibsituu Aadaa:Ogummaan hojii harkaa garaagaraa, hambaaleen seenaa sona dabalachuun ibsituu aadaa tahuun yeroo dheeraa akka tajaajilanitti qulqullinaan hojjetamaniiru.
Akka jiraattotni naannawwaa Qacanee AMN’tti himanitti misoomichi daa’imman ofirraa bu’an akka garaa isaanitti burraaquuf, ga’eessotnis qilleensa qulqulluu iddoo itti fudhatan dhiyeenyatti argachuun Qacaneen bakka filatamtu tahuu dhugoomaniiru.
Misoomni qaqara laggeen Finfinnee Qacanee kaleessa balfi itti gatamuuf bara fidee bakka bashannanaafi sammuun itti boqotu taaasise kana duuba harka hedduutu ture.
Kutaalee hawaasaa hedduuf carraan hojii uumamee, aadaan hojii jijjiiramee 24/7 hojiitti hiikamuun akkuma irri Qacanee jijjiiramee ija hawwatu, keessi namoota baay’ee haala mijateetti gammaduu kan ibsan kanneen AMN’f yaada isaanii qoodan kunuunsuun umrii dheeraa akka tajaajilu taasisuun gahee hawaasa maraa tahuus eeraniiru.
Walumaagalatti Qacaneen kaleessa bakka kuusaa balfaa, balaa lolaafis saaxilamtuu turte amma fuula jijjjiirrachuun bakka beellamaafi bashannanaa tahuun lammiilee biyya keessaafi alaaf haala mijataa uumameen bakka afuura dheeraa itti baafatan tahuun tajaajilaa jiraachuu AMN bakkichatti argamuun taajjabeera.
Gabaasa Yaaloowu Geetaaneh Iddoosaa Abdiiti qindeesse