Dur Finfinnee keessaa gochootni hannaa hedduminaan eessatti akka raawwataman beektuu? Har’a garuu fala argachuu dhageenye!

You are currently viewing Dur Finfinnee keessaa gochootni hannaa hedduminaan eessatti akka raawwataman beektuu? Har’a garuu fala argachuu dhageenye!

AMN PLUS – Bitootessa 20/2018

Carraalee hedduu misoomni koriidarii Finfinneef fidee dhufe keessaa tokko tajaajila teerminaalota geejjibaa bakkeewwan garaagaraatti ijaaramuun tajaajila kennaa jiranidha.

Teerminaalotni geejjibaa magaalatti bakkeewwan garaagaraatti sadarkaa isaanii eeggachuun bifa ammayyaan ijaaraman kunnin tajaajilamtoota damichaaf haala mijataa uumuun bakka aara galfii tahuu kanneen dhimma itti bahaa jiran AMN dubbise ibsaniiru.

Duraan bakkeewwan tajaajila geejjibaa itti argatan mijataa tahuu dhabuun baay’ina tajaajilamtoota sektarichaa dabalatee abbuma humna qabutuu dursee seenuuf carraa qabaafi Finfinnee keessaa bakki gochootni hannaa baay’inaan itti raawwatamanillee teerminaalota geejjibaa irratti akka ture kan eeran namootni AMN’f yaada isaanii kennan har’a garuu haala mijataa jiruun gochootni akkasii baay’ee hir’achuu ibsaniiru.

Obbo Tasfaayee Zallaqaa jiraattota Finfinnee tajaajila teerminaalota geejjibaa magaalattii kahumsa taasifachuun yaada isaanii kennan keessaa tokko yoo tahan duraan dhiphina daandii dabalatee bakkuma argameetti kennamaa turu ibsuun kunis nageenya tajaajilamtoota geejjibaa balaaf saaxilaa turuufi warreen harkan deeman hattootaaf mijataa akka ture kaasaniiru.

Har’a garuu misoomni koriidarii magaalatti fidee kan dhufe bakki teesse geejjiba itti eeggattu, roobni yoo jiraate kan mataa jala qabattu akkasuma bakki itti moobaayila chaarjeffatan osoo hin hafiin ijaaramuun Addunyaa biraati jedhu Obbo Tasfaayee namni taajjabbii isaanii AMN’f qoodan.

Namni biroo Obbo Nigaatuu Acheeneef gama isaaniin teerminaalotni geejjibaa ijaaramuun yaa’insa tiraafikaa sirnaan fooyyessuu ibsuun kaleessa konkolaattotni bakkuma arganitti daandii irratti fe’aafi buusaa turu hubachiisuun amma garuu teerminaalota ijaaraman seenaan akka buusaniifi fe’an taasisuun jijjiirama guddaa magaalatti jechuun kaasaniiru.

Keessattu Meeksikoofi Magganaanyaa akka fakkeenyaatti kan kaasan namootni kunnin baay’ina tajaajilamtoota geejjibaa irraa kan ka’ee hattootaaf haala mijataa uumee turu ibsuun har’a garuu teerminaalota geejjibaa sadarkaa isaanii eeggatan ijaaraman qabaachuun gochootni hannaa hir’atanii hawaasnis salphaatti tajaajila geejjibaa akka argatu taasisuu hubachiisaniiru.

Tajaajila geejjiba Taaksii kennuutti bobba’aan hojjechaa kan jiran Konkolaachiisaa Alamaayyoo Zallaqaa gama isaaniin teerminaalotni geejjibaa sadarkaa isaanii eeggatan ijaaramuun milkaa’ina guddaa tahuu kaasuun garuu ammoo bu’uuraaleen misoomaa guutamuu qaban akka jiran eeraniiru.

Keessattu tajaajilamtootaaf caalmaatti haala mijataa uumuuf manneen boolii gahan teerminaalota geejjibaa keessatti akka ijaaraman taasisuun hojimanee bulchiinsa magaalatti gara fuulduraa osoo tahee yaada jedhu gundunfaniiru.

Gabaasa Barakat Geetaachoo, Iddoosaa Abdiiti qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply