AMN PLUS – Bitootessa 19/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee kilaba seenaa bara dheeraa qabu Qidduus Giyoorgis kan sadarkaa diigamurra gahe baraaruuf qaamolee garaagaraa qindeessuun deeggarsa Birrii Miliyoona 100 taasisuu ibsaniiru.
Aadde Adaanech kilabni Qidduus Giyoorgisii kan taphattootaafi waldaa qofa osoo hin taane kilaba magaalaa keenyaa isa cimaa tokkodha jechuun ibsaniiru.
Haata’u malee kilaba ispoortii seena qabeessa biyyaafi magaalaa keenya bakka bu’e kana diigamuurra baraaruun nurra jiraata jechuun Kantiibaa Adaanech toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.

Kilabni hagafti ispoortii kun baatiiwwan 6’n darban sadarkaa miindaa kaffaluu dadhabuufi diigamurra yeroo gahetti callisnee ilaaluun waan nurra hin jiraanneef baajata magaalaa keenyaarraa murteessinee, bu’uura abbootii qabeenyaafis waamicha taasisneen gareen invastimantii Miidrookiifi BGI Itoophiyaan deebii hatattamaa nuuf kennaniin walumaagalatti deeggarsa Birrii Miliyoona 100 koree yeroo hundeeffameef dabarsineerra jechuun ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech dargaggoota, biiroo dargaggoofi ispoortiifi dhaabbilee magaalaatti deeggarsa taasisan maqaa maatii ispoortiin galateeffataniiru.
Deeggarsichi bulchiinsi keenya kufaatii kilabicha mudate irraa baraaruufi hawaasa ispoortiif jaalala qabuuf kabaja kennuu yoo tahu kilabni Qidduus Giyoorgis bifa hunda hirmaachiiseefi iftoominaan boordii haaraa filatee rakkoo yeroo isa mudate keessaa bahuun maqaafi kabaja isaa duraanitti dafee akka deebi’u Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee amantaa qabaachuu ibsaniiru.