AMN PLUS – Bitootessa 19/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hogantoota magaalattii Giddugalessaa irraa hamma Aanaatti jiran waliin marii bal’aafi iftoomina qabu gaggeessuu ibsaniiru.
Kanaanis, dhaabbilee amantaa waliin marii garaagaraa taasisneen gaaffileefi mufiiwwan ka’aniif karoora raawwii bulchinsi magaalaa keenya qopheesse irratti waliigaltee uumneerra jedhan Kantiibaa Adaanech.
Raawwii karoorichaafis bobbii barbaachisu kennuun raawwii isaas itti dhiheenyaan kan hordofnu taha jechuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee erga toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.