Finfinneen magaalaa guddoodhaan olidha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Finfinneen magaalaa guddoodhaan olidha- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Bitootessa 22/2018

Ergaa Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) dhimma magaalaa Finfinneefi Magaalummaa irratti dabarsan

==========================

Magaalaa sochii si’ataarra jirtu, kan egeree Itoophiyaatiif balbala seensaa taaatedha. Finfinneen wiirtuu jiruufi jireenya biyyaa, saffisaan jijjiiramaa jirtu yoo taatu, agarsiiftuu karoora misooma magaalaa keenyaa fageessee yaaduufi hundumaa hirmaachisuuti.

Misooma bu’uraa saffisaa babal’isuudhaan, furmaatawwan magaalaa ammayyaa dhiyeessuudhaan, manneen jireenyaa haala haammataa ta’een ijaaruudhaan akkaataa misooma waaraa fiduu danda’uun hojjetaa kan jirru har’a qofaaf utuu hin ta’iin dhaloota boriifisidha.

Magaalotiin keenya Itoophiyaa keessa jiran akkaataa namootatti gahumsa horuu, dabdeettiitti fayyadamuufi badhaadhina waaraa mirkaneessuun danda’amuun tolfamaniiru

Biyyi keenya kan guddinniifi hambaan utuu wal hin oodiin walcina itti adeeman, kan qaroominoonni bara durii milkaa’ina ammayyaaf ka’umsa itti ta’anidha. Kan Abbootiin qabeenyaa kallattii hundaan dameewwan addaaddaatiin carraawwan babal’aafi hin tuqamne itti argatan, biyya kennaa danuu qabdudha.

Itoophiyaan magaalaa guddooshee Finfinneerraa hanga daangaawwan biyyattii isa fagootti ciminaan, jabeenyaan filmaatawwan daldalaa dammaqina qabaniifi adda ta’an qopheessitee isin eegdi.

Finfinneen buufata dippiloomaasii Afrikaa ta’uusheetiin, ardii guddachaa jiru addunyaa waliin walqunnamsiifti. Itoophiyaan balbala tarsiimoowaa gara gabaa Afrikaa seensisu ta’uu isheetiin michummaa idil-addunyaatiif giddugala akka taatu ishee taasiseera. Itoophiyaan waan carraawwaniin ol ta’e qabatteetti; innis waan haaraa argachuufi mul’isuudha.

Egereen asitti ijaaraamaa jirra!

Itoophiyaatti qabeenyaa keessan hojiirra oolachaa.

Itoophiyaa daawwadhaa.

Itoophiyaa waliin guddadhaa!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply