Laggeen Finfinnee akka malee faalamanii daawwachuufi fayyaaf rakkoo ta’an akkamiin gara miidhaginaatti jijjiiraman?

You are currently viewing Laggeen Finfinnee akka malee faalamanii daawwachuufi fayyaaf rakkoo ta’an akkamiin gara miidhaginaatti jijjiiraman?

‎AMN PLUS – Bitootessa 22/2018

‎Waggoota dheeraaf laggeen Finfinnee kuusaa balfaafi xurree keemikaalotni summaa’oon itti gadi lakkifaman turan

‎Kun yeroo dheeraaf magaalattii keessatti madda faalama qilleensaa ta’uun jiraattotaafi daawwattoota irraan dhibe fayyaafi rakkoo nageenyaa ta’aa akka tures ibsameera.

‎Haa ta’u malee, mul’ataafi kutannoo cimaa yeroo waliin deemun Finfinneef carraa misoomaa guddaa kenameen daandiin haaraa saaqame laggeen magaalaa keessa yaa’an sona uumama isaanitti akka deebi’an taasiseera.

‎Pirojektootni misooma koriidarii Finfinneetti jalqabaman kutaalee magaalattii dullooman, manneen caccabaafi kufuuf gara tokkotti jallatan haaromsuu akkasumas bu’uuraalee misoomaa kanaan dura hin misoomne kaasuun haaromsuun akka danda’ame ibsameera.

‎Kunis namaafi qabeenya uumamaa walitti firoomsuun Finfinneen magaalaa Ardii Afrikaa bakka bu’uun waltajjii Addunyaatti akka mul’attu taasiseera.

Yeroo ammaa laggeen Finfinnee iddoo yaaddoo osoo hin taane bakka gammachuu, iddoo faalama osoo hin taane bakka qulqullinaa ta’aniiru.

Misoomni qarqara laga Qurxummiifi jijjiiramni naannoo Hoteela Giyoonitti mul’ate jijjiirama kanaaf agarsistu yoo ta’u, jiraattotni magaalattii bu’aalee misooma kanneen dhandhamaa jiran ragaadha.

Gabaasa Tamasgeen Yimar, Shuumii Badhaasooti qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply