AMN PLUS – Bitootessa 21/2018
Seenaa Itoophiyaa keessatti siyaasni walxaxaafi ana malee jedhu hidda lafatti ergachuun bara lakkaa’ee hanga Bitootessa 24/2010 tti tureera.
Hanga bara 2010’tti kan ture yaada tokko qofa dhaggeeffachuufi yaadotni biraa yoo dhufan maqaaleen akka finxaalessummaa, dhaadessaa, of-tulummaa, ilaalcha sirrii hin qabduufi damee siyaasaan ammoo paartii mormituu maqaan jedhu moggaafamaa tureera.
Haata’uuti barii jijjiiramaa as jechuun bara 2010, Bitootessaa 24 irraa eegalee dirreen siyaasaa bal’achuun kanneen fageenyarra ta’an halaalatti waa’ee biyya isaanii dubbachaa turan carraa gara biyyaatti galuun hirmaannaa taasisuu argataniiru.
Kun ilaalcha mootummaa biyya bulchaa jiruun jijjiiramuun lammiilee Itoophiyaa hedduu biratti fudhatama kan argate yoo ta’u, paartileen siyaasaa duraan maqaan garaagaraa itti moggaafamaa ture amma ilaalcha siyaasaa kamiyyuu yoo hordofan carraa biyya gaggeessuu kaleessarra har’a fooyyee qabu argachuun hojjechaa jiru.

Bariin jijjiiramaa barri 2010 baatiin Bitootessaa jechuunis aduun jijjiiramaa lammilee Itoophiyaaf ba’e paartilee siyaasaaf addatti carraa bal’aa fideera.
Inni jalqabaa maqaa paartii mormituu jedhu irraa mulquun gara paartii morkatu jedhutti jijjiiramuun qixa sirriin humnaafi beekumsa qaban baasanii akka mul’isan dirree siyaasaa bal’isuufiin har’a siyaasa kamiyyuu hordofuun ni danda’ama.
Baay’een kan keessa jiranis waan taheef dhugaa hin haalamne bu’aa jijjiiramni fide keessatti hammatameera.
Walumaagalatti jijjiirama roga maraa biyyattiin galmeessaa jirtu keessatti bu’aa roga maraan galmaa’e keessaa paartileen morkattootaa yaada siyaasaa garaagaraa hordofan maqaa kaleessa itti maxxanfamaa ture ofirraa mulquun har’a yaadamaafi ilaalcha siyaasaa qabaniin akkuma nama kamiyyuu bilisummaan socho’uun hojjechuufis ta’e dhimmoota garaagaraa keessatti hirmaachuuf waan isaan daangessuu hin jiru.
Isaanis carraa argatan hundatti fayyadamuun bu’aa jijjiirama biyyatti qooddachaa jiru.
Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e