AMN PLUS – Bitootessa 21/2018
Itoophiyaan riifoormii fooyyessii dinagdee gooroo irratti taasifte hordofee ija abbootii qabeenyaa Idil Addunyaa hawwachaa itti fufteetti.
Konfiraansii Invastimantii Idil Addunyaa tibbana Finfinneetti gaggeeffame dabalatee Itoophiyaan waliigaltee hojii Invastimantii garaagaraa walumaagalatti Doolaara Biliyoona 13 baasuu mallatteessuu Komiishinii Invastimantii Itoophiyaa wabeeffachuun gabaasni TRT Afrikaa ibseera.
Waliigalteen Maallaqa guddaa sochosu kun dameewwan hojii garaagaraan hojiirra kan oolu yoo tahu warshaalee lammiileef carraa hojii bal’aa uuman ijaaruu, wabii nyaataa lammiilee biyyatti mirkaneessuu, oomishaalee gabaa alaaf dhiyaataniifi bu’uuraalee misoomaa ce’uumsa indaastiriif bu’uura ka’an guutuun warreen ijoo akka tahan gabaasichi hubachiisera.
Akka gabaasni TRT Afrikaa ibseetti waliigaltee garaagaraa invastimantiin walqabatee mallatteeffame keessatti abbootiin qabeenyaa Chaayinaa shoora olaanaa qabaatu jedhameera.
Kunis hariiroo daldalaa biyyoota lameenii caalmaatti akka cimsuu ibsameera.
Itoophiyaan bara faranjootaa 2024 irraa eegaltee fooyyessiin dinagdee gooroo keessattuu jijjiirraan sharafa alaa gabaan akka murtaa’uu taasisuun, damee faayinaansii abbootii qabeenyaa alaaf banaa taasisuun carraa kanaaf sababa ijoodha jechuun gabaasichi eerera.
Waliigalteen hojii invastimantii Doolaara Biliyoona 13 kun biyyi ollaa Keeniyaan kan galmeessite Doolaara Biliyoona 2.9 waliin yoo walbira qabamee yoo ilaalamu Itoophiyaan Bahaa Afrikaatti invastimantiif baay’ee filatamtuu tahuu ifatti kan agarsiisu tahuu gabaasni TRT Afrikaa hubachiisera.
Iddoosaa Abdiitiin