AMN PLUS – Bitootessa 21/2018
Konkolaataawwan elektirkaa modeela haaraa gara biyyaa seenan imala magariisaa Itoophiyaa ceesisuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu ‘Xinhua’n gabaaseera.
Konkolaataawwan elektrikaa modeela haaraa kunneen Kaampaanii Oomisha Konkolaataa Guuwaanjuu Chaayinaa (GAC Group) jedhamuun gabaa keessa galfamuuf sagantaan maammiltootaan wal barsiisuu tibbana Finfinneetti adeemisfameera.
Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Alamuu Simee (PhD) mootummaan Itoophiyaa geejjiba imala magariisaa konkolaataawwan elektrikaan taasifaman ceesisuuf akkasumas kaarbonii summa’aa qilleensatti gadi lakkifamu hir’isuuf tarkaanfii murteessaafi qabatamaa fudhachuu beeksisaniiru.
Dooktar Alamuun kunis, sirna geejjibaa diinagdeen damdamataa ta’ee fi kunuunsa naannoo keessatti gahee isaa bahatu ijaaruuf tarkaanfii fudhatame ta’uu eeraniiru.
Ministirichi Itoophiyaan wiirtuu oomisha konkolaataa Afrikaa ta’uuf hojjachaa jiraachuu irra darbee leecalloo anniisaa ishee fayyadamuun human dargaggoofi leenji’etti fayyadamuun, Tarsiimoo zoonii Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa mirkaneessuuf akka tajaajilu hubachiisaniiru.
Kunis mootummaan Itoophiyaa imala magariisaa biyyattii ceesisuuf kutannoon qabu olaanaa ta’uun konkolaataawwan elektrikaa faalama qilleensaa naannoo hir’isaniifi fayyadamaaf salphaa ta’an galchaa jiraachuun ibsameera.
Gabaasni ‘Xinhuan’ dabalataan mootummaan Itoophiyaa waggoota muraasaa as babal’iina indaastirii olaanaa ta’e galmeessuu irra darbee bu’uuraalee misoomaa akkasumas invastimantii biyyoota alaa harkisuun cehumsa imala magariisaafi diinagdee kaarbonii hir’isuun indaastirii konkolaataawwan anniisaa haaraaf haala mijeessuun hojii ajaa’ibsiisaa hojjachaa jiraachuu kaasuun yaadachiiseera.
Malkaamuu Abbabaatiin