Warraaqsa Sagalee Hin Qabne: Konkolaattota Elektirikaa

You are currently viewing Warraaqsa Sagalee Hin Qabne: Konkolaattota Elektirikaa

AMN PLUS – Bitootessa 21/2018

Atoobusootnifi taaksiiwwan elektrikaa haala kamiin kenniinsa tajaajila geejjibaa fooyyessaa jiru?

Finfinneen haala geejjiba duubatti hafaa barootaaf ittiin beekamaa turte hedduu jijjiiraa jirti. Gaasiiwwan motoroota konkolaataawwan boba’aa fayyadamuun naannoo irratti faalama qilleensaa geessisaniifi sagalee motorootaa yaadannoo waggoota muraasaati. Amma garuu Finfinneen haalli faalama qilleensaa fi naannoo dhaqqabsiisu sun gedderamee warraaqsa sagalee hin qabneen sochii tiraafikaa ishee gara ammayyaawaafi fooya’aa ta’etti jijjiiraa jirti.

Finfinneen taaksiiwwan atoobusii minibaasii ykn giddugaleessaa cuquliisaafi adii ta’an waliin maqaa dha’amaa turte, yeroo ammaa wiirtuu ce’umsa geejjiba magariisaa seena-qabeessa addunyaa irratti xiyyeeffannoon olaanaa argate waliin qalbii heddummootaa harkisaa jirti.

Biyyootni hedduun bara faranjootaa 2030tti ce’umsa geejjiba magariisaa kana milkeessuuf daangaa yeroo kaawwachuun hojii kan eegalan yoo ta’u, Itoophiyaan Bara faranjootaa 2024 irraa eegaluun konkolaataawwan haaraa boba’aa fayyadaman biyya keessa akka hin seenne dhorkuun biyya jalqabaa tarkaanfii cimaa kana fudhatte taateetti. Tarsiimoon Geejjiba Magariisaa waggoota muraasa keessatti eegalame kun jijjiirama olaanaa galmeessuun daandiiwwan gurguddoo Finfinnee irratti bu’aan isaa qabatamaan miidhagee mul’achaa jira.

Itoophiyaan akkamitti boba’aa dursitee of irraa fageessuu barbaadde? Gaaffii jedhu deebisuuf jijjiiramni guddaan kun kan argame jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuufi naannoo jaalachuu irraa qofa kan madde akka hin taane hubatamuu qaba. Haa ta’u malee, Sagantaa kana duuba tarsiimoo diinagdee jabaa qabatamaan mul’atutu jira.

Itoophiyaan wagga waggaan Boba’aa biyyoota alaa irraa bittee galchituun doolara Ameerikaa Biliyoona 4.5 haga Biliyoona 6 ga’u akka baastu ragaaleen ni mirkaneessu.

Kunis sharafa alaa of eeggannnoof biyyattiin qabdu murtaa’aa ta’e irratti qormaata olaanaa fidee ture.

Gama biraatiin ammoo Itoophiyaan qabeenya anniisaa haaromfamaa gatiin isaa rakasa ta’ee fi badhaadhe qabdi. Maddisiisa Humnaa biyyattii isa guddicha Hidha Haaromsaa dabalatee anniisaaa elektrikaa hedduu kan maddisiistu humna bishaan qulqulluu olaanaa ta’e fayyadamuudhaan.

Itoophiyaatti konkolaataa eletrikaa fayyadamuun yoo kan boba’aan wal bira qabamee ilaalamu baasii hammaan xiqqaa ta’e kan gaafatu yoo ta’u, taarifni elektrikaa biyyoota biroo wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu kan biyyattii isa xiqqaa jedhamuu kan danda’u ta’uu ragaaleen ni mul’isu.

Sababaalee kanneen irraa ka’uun yoo ilaalamu ce’umsi taasifame baay’ee saffisaadha jedhamuu danda’a.

Kuufamni konkolaatawwan elektirikaa Itoophiyaa Waggoota lama keessatti qofa %1 gadi irraa gara %6 fi %8.3’tti guddachuu kan ibsame yoo ta’u, kunis yeroo sadarkaa addunyaatti cehumsa taasifame giddugaleessa ta’een wal bira qabamee ilaalamu saffisa olaanaa ta’uu eerameera.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees atoobusiiwwan elektrikaa gurguddoo fi ammayyaa’oo ta’an sararoota geejjibaa adda ta’an irratti kan hojjachiisaa jiru yoo ta’u, kunis imaltootaaf imala gaasii faalamaa irraa bilisa ta’e kennuun akka danda’amu taasiseera.

Itoophiyaan bara faranjootaa 2032tti konkolaataawwan elektirkaa Kuma 500 daandiiwwan irratti bobbaasuuf karoorfattee hojjachaa jirti. Milkaa’iina kanaafis onnachiiftuuwwan gibiraa tokko tokko akka taasiftuuf haalli mijateera. Misoomni koriidaraa illee filamaatilee akka biskileetii fayyadamuuf haala gaarii uumuu irra darbee kanneen miilaan socho’aniif illee daandiin mijataa bal’ina qabu hojjatamuun ni hubatama.

Addunyaa irratti warraaqsi wal’aansoo malee dhufes fuuldurattis dhufu tokko illee hin jiraatu. Biyyoota guddataa jiran keessatti baay’ina konkolaataawwan elektirikaa dabaluun keessummeessuun qormaata qabaachuu mala. Hanqinni Buufata Chaarjessa elektirikaa fi haala gahaa ta’een guutamuu dhabuun bu’uuraalee misoomaa anniisaa haaromfamaa qormaata ta’us guddina dame geejjiba kanaa hin dhorkine.

Keessumaa waraanni Baha Giddu Galeessaatti taasifamaa jiruun sararootni daddarbiinsaa boba’aa cufamuu irraa kan ka’e biyyootni badhaadhan osoon hafin qormaata hamaaf yoo saaxilaman, tarsiimoon Itoophiyaan anniisaa haaromfamaa ilaalchisuun hojii irra oolchite sirrii ta’uu isaa mirkaneesseera.

Biyyootni guddachaa jiran cehumsa magariisaa mirkaneessuuf biyyoota lixaa qofa eeguu akka hin qabne jijjiiramni Finfinneetti qabatamaan mul’ate fakkeenya guddaadha. Itoophiyaan sirna geejjibaa oomishaalee anniisaa haaromfamaa biyya keessaa waliin walitti hidhuun, Afrikaafi biyyoota addunyaa biroof boqonnaa seenaa haaraa barreessaa jirti.

Gabaasa Yittaayyaal Axinaafuu, Malkaamuu Abbabaati qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply