Festivaalli Sarkasii Jalqabaa Finfinnee Giddu Gala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti Eegale

You are currently viewing Festivaalli Sarkasii Jalqabaa Finfinnee Giddu Gala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti Eegale

AMN PLUS – Bitootessa 21/2018

Biiroon Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinneefi Waldaan Sarkasii Finfinnee mata duree ‘Ogummaan Sarkasii Olka’iinsa Itoophiyaaf’ jedhun kan qopheessan Festiivaala Wal dorgommii Sarkasii Jalqabaa Eegalchiisaniiru.

Keessummaan kabajaa sirnicha irratti argaman Kantiibaa Itti Aanaa fi Hoogganaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay haasawaa taasisaniin, jijjiiramaan asitti xiyyeeffannoo mootummaan aadaafi aartii guddisuuf kenneen bakkeewwan agarsiisa aadaafi aartii akkasumas ispoortii hedduun misooma kooridariifi qarqara laggeeniitiin wal simee ijaaramuu ibsaniiru.

Hooggantuun Biiroo Aadaafi Aartii Magaalaa Finfinnee Hiruut Kaasaawu (PhD) Waldorgommiin har’a eegale kun hanga Bitootessa 24/2018’tti kan itti fufu ta’uu himanii,dorgomtootni gahumsa qabaniin kan itti badhaafamaniifi dorgomii Idil Addunyaaf biyya keenya bakka bu’uun kan dorgoman akka ta’e ibsaniiru.

Festivaala Sarkasii baname kanarratti dargaggootni magaalaa Finfinnee dandeettii qaban qindeessummaa waldaa sarkasii Itoophiyaatiin hirmaachaa jiru.

Gabaasni kan Yaaddessaa Geetaachooti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply