AMN PLUS – Bitootessa 21/2018
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Feestivaala guddaa (multi-event) taphootaafi ispoortii aadaa Afrikaa qopheessuuf filatamuun ibsameera.
Konfedeereshiniin Taphootaafi Ispoortii Aadaa Afrikaa (ATSGC) gaaffii miseensummaa Federeeshinii Ispoortii Aadaa Itoophiyaa dhiyeenya fudhatama argate hordofee waliigaltee mallatteeffameen carraan Itoophiyaaf kan jalqabaa tahe kun argamuun ibsameera.
Saganticharratti kan argaman Deetaa Ministira Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad waltajjiin kun Itoophiyaaf carraa ittiin duudhaa ishee beeksistuudha jedhaniiru.
Itoophiyaan Konfedireeshinii kanatti makamuun ishee nuuf humna dabalataa ta’eera kan jedhan ammoo Pirezidaantii Konfedireeshinii Ispoortii Aadaa Afrikaa Kiyiikaa Maatuwaa (PhD) yoo tahan feestivaalichi waldorgommii qofa osoo hin taane aadaa Afrikaanotaas kan itti waliif qoodnudha jedhan.
Waliigaltichi hariiroo dhaabbilee lameenii cimsuun sadarkaa taphootaafi ispoortii aadaa Afrikaa sirnaan Addunyaatti akka beeksisuus himameera.
Gabaasni kan Misikkir Alamaayyooti