AMN PLUS- Ebla 13/2018
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 15ffaa guyyaa har’aa taa’een, labsii nageenya aviyeeshinii Itoophiyaa fooyyessuuf wixinee dhiyaate qoratee raggaasiseera.
Mana Marichaatti Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa Fatiih Mahadii (PhD), wixinee labsichaa ilaalchisee gabaasaa fi yaada murtee dhiyeessaniiru.
Fooyya’iinsa labsichaa diriirsuuf adeemsa hojii fi teeknooloojii irratti yaaddoo rakkoolee nageenyaa jiran hiikuuf kan gargaaru ta’uun yaadni murtee ibsameera.

Labsiin fooyya’iinsaa kunis sadarkaa fi ulaagaalee aviyeeshinii siivilii idil-addunyaa irratti hundaa’uun nageenya aviyeeshinii fooyya’aa ijaaruu kan dandeessisuu fi akka biyyaattis maqaa gaarii kanaan dura ture itti fufsiisuuf kan gargaaru ta’uu Dooktar Fatiih Mahadii ibsaniiru.
Bu’aa guddaa Gareen Daandii Qilleensaa Itoophiyaa akka biyyaatti galmeesse itti fufsiisuun, hawaasa addunyaaf tajaajila geejjibaa qilleensaa nageenya isaa eegame, teeknoolojiin deeggarame, amanamaa fi saffisaa ta’e kennuu akka danda’uuf labsiin seera ammaa waliin wal simu diriiruu isaas ibsameera.
Labsiin duraanii 432/1997 waggoota 20 oliif fooyya’iinsa malee turuu isaatirraa kan ka’ee fi barri kan fide seeroota walxaxaa yeroo ammaa mudatan to’achuuf gahaa akka hin taanees ibsameera.
Miseensonni mana maree gama isaaniitiin barbaachisummaa labsichaa irratti yaada isaanii kan dhiyeessan yoo ta’u, gara fuulduraattis galii sassaabuu dabalatee raawwii irratti xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu kaasaniiru.
Manni marichaa wixinee labsii Lakkoofsa 1412/2018 dhiyaate sagalee mormii 2 fi sagalee hin kennine 2’n, sagalee caalmaan raggaasisuu isaa odeeffannoon mana maree irraa argame ni mul’isa.