AMN PLUS- Ebla 13/2018
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Yuraaniyemii Iraan gabbiste dhabamsiisuuf yeroo dheeraa kan fudhatuufi adeemsa rakkisaa ta’uu beeksisaniiru.
Tiraampi miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin, “Duula miidnaayit Haamar jedhamuun dhaabbileen niwukilaraa Iraan waan barbadaa’aniif, isa qotanii baasuun yeroo dheeraafi adeemsa rakkisaa kan fudhatudha” jedhaniiru.
Marii jilli anga’oota Ameerikaafi Iraan Paakistaan, Islaamaabaaditti wal gahee akka mari’atu eegamus haga ammaatti fedhii dhabuu Iraan irraa kan ka’e harkifachaa jiraachuu BBC’n gabaaseera.
Gama biraan, Paakistaanitti Ambaasaaddarri Iraan Ambaasaaddar Rezaa Amiirii Mogohaadaam “biyyi qaroomina gurguddooo qabdu doorsisaafi humnaan mariin nagaa taasistu hin jiraatu” jechuun isaanii carraaqqii Ameerikaan hariiroo dippiloomaasiif taasistutti kan bishaan naqe ta’uu akka malu xiinxalamuu “Xinhua’n gabaaseera.
Tiraampi hanga waliigalteen Iraan waliin taasifamutti USA’n uggura Hoormuz hin kaaftu jechuun dooniiwwan Iraan to’achuu itti fufuu ibsaniiru.
Iraan ammoo gama isheen “dirree waraanaa irratti tooftaa haaraa agarsiisuuf qophaa’eera” jechuun akeekkachiisuun ishee dhaga’ameera.
Haata’u malee Chaayinaa dabalatee biyyootni hedduun Iraaniifi Ameerikaan mariifi marabbaatti amanuu akka qabaniifi ulaan Hoormuzillee cufaachuu akka hin qabne yaada dhiyeessaa jiraachuu maddeen oduu Idil Addunyaa gabaasaa jiru.