MM Abiyyi Ahimad (PhD) tajaajila socho’aa “Masoob” hojii eegalchiisan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad (PhD) tajaajila socho’aa “Masoob” hojii eegalchiisan

AMN PLUS – Ebla 14/2018

Kenniinsa tajaajila biyyaalessaa irratti jijjiiramni aadaa bu’uuraa ni barbaachisa jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD).

Dooktar Abiyyi Ahimad magaalaa Finfinneetti tajaajila socho’aa “Masoob” konkolaataa ammayyaan tajaajila kennu hojii eegalchiisaniiru.

Utubaalee misoomaa karoorfaman shanan keessaa teeknooloojii damee tajaajilaaf akka meeshaa ijootti fayyadamuun si’aayina tajaajilaafi waliinga’iinsa fooyyessuuf kutannoon hojjetamaa akka jiru Dooktar Abiyyi ibsaniiru.

Sirna kenniinsa tajaajilaa Giddugala Tokkoo Masoob hojiirra oolchuu kan eeggalle yeroo gabaabaa ta’us itti quufiinsi maamiltootaa argame bu’aa qabeessummaa isaa ifatti mirkaneesseera jedhan.

Kunis hojimaata isaa babal’isuun barbaachisaa akka ta’e agarsiisa jedhanii, guyyaa har’aa ifatti kan eebbifame Tajaajilli Masoob Socho’aan ( Mobile Service) qaama sosochii hojii kanaa ta’uu ibsan.

‎Lammiileen keenya yeroo isaanii haalaan akka fayyadamaniifi qusannaa yeroo hiika qabeessa akka argatan gochuuf tajaajiloota qindaa’aa kanneen waliingahuuf itti fufna jedhaniiru ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply