MM Abiyyi Ahimad (PhD) Daayirektara CDC Afriikaa Dooktar Jiin Kaaseyaa waliin mari’atan

AMN PLUS- Ebla 15/2018

Ganama har’aa Daayirektara Ol-aanaa Wiirtuu To’annoo fi Ittisa Dhukkuboota Afrikaa (Africa CDC) kan ta’an Dooktar Jiin Kaaseyaa waliin marii bu’a qabeessa taasisuu Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.

“Marii keenya kanaan dhimmoota dursa kennamuufii qaban adda addaa irratti kan mari’anne yoo ta’u, keessattuu Itti-gaafatamummaa haaraa akka Gamtaa Afrikaatti dursaa damee Artifishiyaal Intalajansii (AI) fi Fayyaa Diijitaalaa ta’uun natti kenname irratti bal’inaan dubbanneerra” jedhan.

Hojiiwwan kalaqaa guddina Afrikaatiif yoomiyyuu bu’uura murteessaa ta’uu Dr. Abiyyi eeraniiru.

“Damee fayyaa keessatti qormaatawwan jijjiiramoo nu mudatan mo’achuuf, dandeettii Artifishiyaal Intalajansii fi teeknooloojiiwwan diijitaalaa fayyadamuun sirna fayyaa keenya cimsuuf, dhaqqabummaa bal’isuufi uummata keenyaaf bu’aa gaarii galmeessisuuf murteessaadha” jedhan.

Itoophiyaan muuxannoo qabdu ardichaaf qooduuf akkasumas addunyaa teeknooloojii saffisaan jijjiiramaa jiru waliin haala bu’a qabeessa ta’een tarkaanfachuuf, michummaa cimaa ijaaruuf kutannoo qabdu irra deebi’uun ni mirkaneessiti.

Mul’ata kana gara bu’aa qabatamaa fi hunda-hammattuutti jijjiiruuf Africa CDC fi michoota ardittii guutuu keessatti argaman waliin dhiyeenyatti hojjechuuf qophiidha.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply