Guddina saayinsiifi teeknoloojii Finfinnee lafaa hanga hawaa!

You are currently viewing Guddina saayinsiifi teeknoloojii Finfinnee lafaa hanga hawaa!

‎AMN PLUS – Ebla 15/2018

‎Jijjiiramaan dura Finfinneen aara konkolaataa fi sirna daldalaa walxaxaa, duraafi duuba hin qabneen kan beekamtu turte.

Yeroo ammaa sun hunduu jijjiiramee maqaa gaarii qofa osoo hin taane dha’annaa onnee biyyaa ta’uun qabatamaan fudhatama argatteetti.

‎‎Godambaan saayinsii boca geengoo qabu kan naannoo Masaraa Mootummaa biyyeessaatti argamu seenaa hambaalee Itoophiyaa agarsiisuu bira darbee addunyaa boruu aartiidhaan harkisuuf kan qophaa’e ta’uus ifoomsera.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) erga gara aangootti dhufanii sagantaan “Digital Ethiopia 2025” hojiitti hiikame mul’ata guddaa misooma biyyattii kan gara marsaa haaraatti ceesise ta’uu agartuun ijaa ragaadha.

‎Saayinsiifi teeknoloojiin utubaalee badhaadhinaa shanan keessaa tokko yoo ta’u,imalli isaa lafaa hanga hawaatti kan diriire ta’uu ibsameera.

‎Itoophiyaan waggoota muraasan dura Afrikaa keessatti biyya of-dandeessee Inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee (AI) hundeessite yoo taatu, yeroo ammaa gara sadarkaa olaanaatti ol guddsteerti.

‎Akkuma Ministirri Muummee tibbana beeksisan Itoophiyaan Yuunivarsiitiin AI addunyaa irraa lammaffaa ta’e ijaaramaa jira.

‎Godambaan Saayinsii jijjiirama kanaaf ragaa qabatamaa ta’ee kun dargaggoota biyyattif “wanti hin danda’amne hin jiru” ilaalcha jedhu jijjiiru danda’u akka ta’e ibsameera.

‎Mootummaan kutannoo kalaqaaf qabu cimsuuf gamoo addaa ijaaruun dargaggoota kalaqa teeknoloojiitiin jajjabeessaa akka jirus kaafameera.

‎Imalli teeknoloojii Itoophiyaa lafa qofa irratti osoo hin taane gara samiittis saatalaayitoota mataa ishee furguggisuu irrattis guddinni guddaan argameera.

‎Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa kaka’umsa Ministira Muummeetiin hundeeffame, saatalaayitoota maqaa ET-RSS1 fi ET-SMART-RSS jedhaman gara hawaatti furguggisuunis akka milkaa’e eerameera.

‎‎Dameen teeleekoomiitinis invastaroota biyya alaatiif carraan banamuun tajaajila 5G eegaluun fayyadamni intarneetii haalaan akka dabales ibsameera.

Babal’inni teeknoloojii bu’aalee akka Teeleebirrii lammiilee miliyoonaan lakkaa’amaniin socho’an gara sirna faayinaansii ammayyaatti akka galan taasiseera.

‎Har’a mul’anni Ministira Muummee Itoophiyaa Afrikaa keessatti dijitaalaan adda duree taasiisuuf hojjetan ifatti bahee mul’ateera.

‎Mul’ata hojitti jijjiiruun godambaa saayinsii hanga saayinsii hawaafi hojiilee kanneen biroo Itoophiyaan carraa argatte fayyadamuun badhaadhina jalqabde teeknoloojiin deeggaruun galmoota qabatte milkeessaa akka jirtus ibsameera.

‎‎Gabaasa Mikaa’el Hiruuy, Shuumii Badhaasooti qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply