AMN PLUS – Ebla 16/2018
Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniin Itoophiyaan biyya guddoo tahuun bakki isheef malus guddaa tahuu ibsaniiru.
Obbo Tamasgeen dhalootni har’aa carraa itti seenaa hojjechuu danda’u harkarraa qabaachuu hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa kana kan dabarsan qorannoo gabaasa raawwii hojii guyyoota 100 oolmaa guyyaa 3ffaa hoggantoota dhaabbilee federaalaa waliin tahuun wayita qoratanitti tahuun ibsameera.

Qorannichi adeemsa Itoophiyaa ijaaruu keessatti karoorri cimaan kan itti bu’uureffamu kaleessi har’aaf, har’is bori waliin walitti hidhata jabaa akka qabaatu waaressu tahuu hubachiisaniiru.
Hojiin ijaarsa biyyaa kaleessa hin xumuramiin aadeffatamuu dhabuu dirree dimookiraasii, walitti bu’iinsa naannummaafi biyyaalessaa Itoophiyaa qoraa turaniin tahuu kan ibsan Obbo Tamasgeen, har’a riifoormii akka biyyaalessaatti taasifameen mareen biyyaalessaa eegalamuu, hirmaannaan paartilee siyaasaa itituu, seerotni kaleessa daangeffama qaban akka fooyya’aan taasifamuun imaammatni cehumsa haqaa raggaasifamuu, tokkummaan sabdaneessummaa kan itti cime aadaan siyaasaa boqonnaa haaraa qabu banamuus ibsaniiru.

Riifoormii akka biyyaalessaatti taasifameen Itoophiyaan mataa ol qabachuu ibsuun Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen, ijaarsa pirojeektootaan wal qabates waadaa gochaan agarsiisuun qabatamaan kan itti mul’ate, misoomni koriidarii, pirojeektootni maaddiin biyyaafi Dijitaal Itoophiyaa guddina biyyaalessaa warreen bu’uuressan tahuu ibsaniiru.
Damee dippiloomaasiin Itoophiyaan gargaarsa eeggachuurraa gara daldalaafi invastimantiirratti waloon hojjechuutti ce’uu dabalatee dhageettummaan akka idil addunyaatti qabdu boqonnaa haaraatti tarkaanfachuu ibsaniiru.
Har’a cichoominaan hojjechuun keenya dhaloota boriif ashaaraa tahuu kan ibsan Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa qormaatilee gurguddoo mo’annee, carraalee gurguddootti dhimma bahuun xiiqiifi onnee jaalala biyyaan hojii galata qabu har’a haa hojjennu jechuun ergaa dabarsaniiru.