AMN PLUS- Ebla 16/2018
Agarsiisa Hojii Kalaqa Saayinsii Magaalaa 11ffaa “Dhaloota Saayinsii fi Kalaqaan Gahoome Biyya Fakkeenyummaa Qabduuf” mata-duree jedhuun eegalchiisuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.

Kaayyoon ijoon agarsiisa hojii kalaqa saayinsii har’aa, barattoonni waan yaad-rimeen baratan gochaan kan itti agarsiisan, dandeettii keessoo isaanii kan itti ibsan, hojii kalaqa hojjetaniif kan itti jajjabeeffaman fi muuxannoo waliin hojjechuu kan itti wal-jijjiiran waltajjii guddaa uumuu ta’uu ibsaniiru.
“Beekumsi, waa’ee rakkoo irra deddeebi’anii dubbachuu osoo hin taane, rakkoof furmaata maddisiisuu fi rakkoo gara injifannootti jijjiiruu waan ta’eef, magaalaa keenya giddu-gala saayinsii fi kalaqaa gochuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa turanii bu’aan isaanii qabatamaan kan itti mul’achuu jalqabe irra geenyeerra” jedhaniiru.

Jalqabbiin bu’a-qabeessi kun cimee akka itti fufuuf qooda-fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahachuu qabu jedhan.
“Barattootaa fi barsiisota har’a hojii kalaqa keessan dhiyeessitan, hojiin kalaqa keessanii guddatee fi gabbatee magaalaa keenya, biyya keenya, darbees addunyaaf eebba bu’aa qabu ta’uu akka danda’u abdii guddaa qabna” jedhaniiru Kantiibaa Adaanech Abeebee.