Milkaa’ina AMN caalmaan itti fufsiisuuf aantummaan hojjetaafi hoggansaa baay’ee murteessaadha – Obbo Solomoon Dibaabaa

AMN PLUS – Ebla 16/2018

Milkaa’ina Addis Miidiyaa neetwork (AMN) caalmaan itti fufsiisuuf aantummaan hojjetaafi hoggansaa baay’ee murteessaa ta’uu Hoji Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Solomoon Dibaabaa ibsan.

Obbo Solomoon kana kan jedhan qorannoo raawwii hojii baatiiwwan Sagalii AMN Sagaleen Dhalootaa gaggeesserratti yoo tahu dhaabbatichi hojiilee hojjetu hunda keessatti bifa guddina Finfinnee calaqqisiisuun hojjechuun akka itti fufu ibsaniiru.

AMN bifiyyeefi qabiyyee dhiyeessu gahumsaan bahachuu dabalataan haalota waqtaawoo Finfinnee, biyyaalessaa fi darbees akka Ardiitti gaggeeffaman cimsee hojjechuu akka qabu hubachiisuun kanaaf ammoo hojjetaafi hoggansi sadarkaan jiru miira walfakkaataa akka qabaatu baay’ee eegama jedhaniiru.

Gaazexeessaa Solomoon dabalataan AMN miidiyaa tokkummaafi sabdaneessummaan Itoophiyaanotaa keessatti calaqqisu taasisuun miidiyaa Finfinnee fakkaate fi ammayyaa caalmaan ijaaruuf imala dhaabbatichi irra jiru harka walqabannee itti fufsiisna ergaa jedhuus dabarsaniiru.

Itti Aanaan Hoji Raawwachiisaa Olaanaa AMN fi Itti Gaafatamaan Damee Teeleevizyinii Obbo Xilaahun Kaasaa waltajjicharratti akka ibsanitti AMN jijjiirama caaluuf hojjechaa jiraachuu ibsuun sadarkaa amma irratti argamuun itti quufiinsaan osoo hin daangeffamiin haala mijataa uumuun imalli milkaa’ina dhaabbatichaa cimee itti fufa jedhaniiru.

Daayirektarri Daayirektooreetii Karooraafi Baajataa AMN Obbo Abbabaa Dassaaleny gabaasa raawwii hojii baatiiwwan 9 dhaabbatichaa dhiyeessaniin hojimaatilee haaraa diriirsuun qabiyyeefi bifiyyeen dhiyaachaa jiran AMN dorgomtummaarraa gara filatamummaatti akka dhufu taasisuu ibsaniiru.

Hojjettootni AMN Sagalee Dhalootaa qorannoo raawwii karoora hojii baatiiwwan 9 dhaabbaticharratti argamanis yaada kennaniin AMN akka dhaabbataa miidiyaa cimaafi filatamaatti fudhatamummaa isaa itti fufsiisuun caalmaatti akka itti fufuuf hojimanee hedduuti nurraa eegama jechuun kaasaniiru.

Gabaasni kan Iddoosaa Abdiiti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply