
AMN PLUS – Ebla 19/2018
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa guyyaa borii Ebla 20/2018 wal ga’ii idilee 17ffaa akka gaggeessu ibsameera.
Manni Marichaa wal ga’ii isaatiin waliigaltee liqaa mootummaa federaalaafi ejensii misoomaa Faransaay gidduutti taasifame dabalatee wixinee labsiiwwan waliigaltee liqaa mootummaa federaalaafi waldaa baankii invastimantii Awurooppaa akka raggaasisu eegama.
Dabalataan haala adeemsa hojimaataafi naamusa ittin bulmaata miseensota mana marichaa keeyyata 92 irratti hundaa’uun gaaffilee kahaniif Ministeerri Turizimii deebii akka kennuu ibsameera.
Manni Marichaa nageenya dijitaalaa biyyatti cimsuuf, bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an irratti labsii nageenya saayibari qorachuun koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf kan dabarsu tahuu odeeffannoon Mana Marichaarraa argame mul’isa.