Maqaan Atileet Tigist Asaffaa galmee raajii addunyaatti galmaa’e

AMN PLUS – Ebla 19/2018

Atileet Tigist Asaffaa atileetii saffisa guddaa idil addunyaa qabdu ta’uun galmee raajii addunyaatti galmeeffamuun ibsame.

Atileet Tigist dorgommii Maaraatoonii London sa’atii 2:15:41’n xumuruun rikoordii haaraa Maaraatoonii dubartootaa idil addunyaa galmeessiteetti.

Atileet Tigist boqonnaa xumuraa Maaraatoonii London saffisa dabaluun sochii agarsiisteen sa’atii 2:15:41’n goolabuun walitti aansitee yeroo lama dorgommii Maaraatoonii London injifachuun leellifamteetti.

Saffisa hawaasa atileetiksii addunyaa raajeffachiiseen dorgommicha kan xunmurte Tigist maqaa ishee galmee raajii guddicha idil addunyaa irratti galmeeffachuu danda’uun ibsameera.

Atileetiin Keeniyaa Seebaastiyaan Saawee Maaraatoonii London irratti rikoordii haaraa sa’atii 1:59:30’n galuun seenaa haaraa Maaraatoonii Addunyaaf keessummaa tahe galmeessuun maqaan isaa galmee guddicha raajii addunyaarratti galmaa’uu danda’eera.

Dorgommii Maaraatoonii London kana atileet Yoomiif Qajeelchaas sikoondii 11’n caalamuun sa’atii 1:59:41’ galuun sadarkaa 2ffaa bahee Maaraatoonii sa’atii 2:00 gaditti xumuruun Itoophiyaanotaan baay’ee raajeffatameera.

Waliigalaan dorgommiin Maaraatoonii London bara kana seenaa keessatti hirmaattoota Kuma 59’n dabaalamee rikoordiiwwan Maaraatoonii addunyaaf keessummaa tahan galmeessuun xumuramuu TRT Afrikaan gabaasera.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply