AMN PLUS – Ebla 19/2018
Addis Miidiyaa Neetwoork AMN dorgommii sadarkaa Idil Addunyaatti beekamaafi akka Afrikaatti ammoo yeroo jalqabaaf gaggeeffamu dorgommii Biskileetii (UCI City Mountain Bike Eliminator) jedhamu tamsaasa kallattiin hawaasa ispoortii biraan gahuuf waliigaltee mallatteessera.
Waliigaltichas Hoji Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Solomoon Dibaabaafi Pirezidaantiin Itti Aanaa Federeeshinii Biskileetii Itoophiyaa Obbo Solomoon Baqqalaa waliif mallateessaniiru.

AMN Sagaleen Dhalootaa muuxannoo bara dheeraa tamsaasa kallattiin qabuufi meeshaalee teeknoloojii tamsaasa kallattii yeroon barbaadu hidhachuun waliigaltichi akka kennameef Obbo Solomoon Baqqalaa dubbataniiru.
Dhaabbatni miidiyaa AMN dhimmoota ispoortiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuun filannoo jalqabaa Federeeshinichaa tahuu kan himan ammoo miseensa koree hoji raawwachiiftuu Federeeshinii Biskileetii Itoophiyaa Obbo Teewudroos Dabalaati.
Dorgommichi Eebla 24-25/2018 Finfinneetti kan adeemsifamuu yoo tahuu bu’uuraalee misoomaa ispoortii biskileetii magaalattiin dhiyeenyaa as guuttachaa jirtuu irratti kan gaggeeffamu tahuun Finfinnee sadarkaa idil addunyaatti sirriitti beeksisuuf carraa addaa tahuun ibsameera.
Dorgommii Biskileetii akka Addunyaatti beekamaafi akka Afrikaatti ammoo yeroo jalqabaaf Itoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamu kanarratti biyyoota idil addunyaa 35 kan hirmaatan yoo tahu dorgommichi tamsaasa kallattiin biyyoota addunyaa 60’f akka tamsaa’us ibsameera.
Gabaasni kan Balaayineeh Yilmaati