Itoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf hojii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuun ibsame

‎AMN PLUS – Ebla 19 /2018

‎Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa hir’isuu giddu-galeessa godhachuun imala bu’a qabeessa ta’e irra jirti jedhan Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee.

Fandii Invastimantii Haala Qilleensaa mootummaa Itoophiyaa fi Baankii Misooma Afrikaa waliin ta’uun Finfinneetti muuxannoo waljijjiirraa Idil-Addunyaa gaggeeffamuu eegaleera.

‎Konfiraansii kana irratti ambaasaaddaroonniifi bakka bu’oonni biyyoota garaagaraa, barsiisotni, michootni misoomaafi dhaabbileen hawaasa siivikii hirmaataniiru.

‎Konfiraansii guyyoota sadiif turu kanarratti biyyoonni adda addaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf muuxannoo qaban ni qoodu jedhameera.

‎Konfiraansicharratti Obbo Ahimad Shidee yeroo walfakkaatutti mul’anni fi kallattiin misoomaa Itoophiyaa jijjiirama qilleensaa salphisuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

‎Kanaafis anniisaa haaromfamuu danda’u babal’isuun, dhiyeessii bishaanii fooyyessuudhaan, lafa manca’e deebisuun dandamachiisuurratti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiiwwan bu’a qabeeyyiin hojjetamuu ibsaniiru.

‎Pirojektoonni misooma koridoorii Finfinnee fi misooma qarqara lagaa magaalattii ammayyeessuu qofa osoo hin taane, misoomni haala eegumsa naannoo waliin walsimuun gaggeeffamuu akka danda’u kan agarsiisan ta’uu ENA gabaaseera.

‎Hojii Gaggeessaan Fandii Invastimantii Haala Qilleensaa Obbo Tariyee Baadigeesiin akka jedhanitti, Itoophiyaan biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun magariisa gochuu keessatti fakkeenya ta’uu ishee ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply