“Raawwii hojii ji’oota sagalii madaaluun, kallattiiwwan hojii fuulduraa kaa’uun xumurreerra” Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Ebla 19/2018

Ergaa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee

============================

Raawwii hojii ji’oota sagalii bulchiinsa magaalaa keenyaa madaaluun, kallattiiwwan hojii fuulduraa kaa’uun xumurreerra.

Madaallii keenyaan, waggoota shanan darban waliin wal bira qabuun madaallee jirra. Kanaanis bu’aawwan argamaniifi raawwii abdachiisoo akkasumas hojiiwwan gara fuulduraatti sirreeffamuu qaban adda baafneerra.

Raawwii hojii ji’oota sagalii dabalatee, waggoota shanan darban keessatti hojiiwwan guguddoo raawwataman keessaa muraasni akka armaan gadiitti dhiyaataniiru:

Ilaalcha boodatti hafoo mo’achuu: Rakkoolee fi ilaalchota boodatti hafoo dura dhaabbachuun, ijaarsa duudhaa waliinii irratti cimnee hojjenneerra. Kanaanis Finfinnee siyaasa gandaa keessaa baasnee, wiirtuu dippilomaasii ta’uu ishee caalaatti cimsinee, magaalaa keenya “kan kooti” irraa gara “magaalaa hunduma keenyaa” tti ol guddisneerra.

Kunis Itoophiyaanota qofaaf osoo hin taane, Afrikaanota hundaaf magaalaa isaan itti boonan gochuu dandeenyeerra.

“Finfinnee akka maqaa ishee Bareedduu” gochuuf waadaa galle eeguun:

Bifa magaalaa keenya jijjiiruuf, manneen dhoqqee %74 turan gara magaalaa bareedduu fi jireenyaaf mijattuu ta’etti jijjiiruuf hojii hojjetameen, gara %44tti gadi bu’uu danda’eera.

Barattoota keenyaaf sagantaa nyaata mana barumsaa fi dhiyeessii yuuniformii raawwanneerra.

Daa’imman Finfinnee bakka itti bashannanan iddoo taphaa 5,000 ol fi bakka kunuunsa itti argatan (Day Care) 1,000 ol ijaaruun maatii hedduu boqochiifneerra.

Magaalaa keenya keessatti wiirtuulee nyaataa “Tesfa Birhan” 30 ijaaruun, maanguddoota gargaarsa hin qabne, harka qalleeyyii fi lammiilee galii gadi aanaa qaban fayyadamaa gooneerra.

Giddugala Haaromsa fi Ogummaa Dubartootaa “Lelenegewa” keessatti dubartoonni kumni hedduun jireenya gadadoo keessaa akka ba’anii fi abbaa hojii akka ta’an godhameera.

Manneen kunuunsa maanguddootaa, manneen barumsaa barattoota dhagahuu hin dandeenyee fi qaro dhabeeyyif ijaaramanii, misoomni keenya eenyuuniyyuu duubatti akka hin dhiisne of-eggannoon hojjetameera.

Laggeen faalaman qulqulleeffamaniiru; akkasumas jiraattota naannoo laggeenii balaa lolaa fi balfaad saaxilamanii turaniif manneen jireenyaa fooyya’oon ijaarramanii kennamaniiru.

Daandiiwwan dukkana turan ifaniiru. Kanaanis naannooleen yakka, saamichaa fi gudeeddaaf saaxiloo turan jijjiiramaniiru.

Namoonni dirreetti akka hin tajaajilamneef, kabaja uummataa kan eeganii fi fayyaa kan eegsisan manneen qulqullinaa sadarkaa isaanii eeggatan bal’inaan ijaarramaniiru.

Bu’uuraalee Misoomaa:

Uwwisa daandii %12 irraa gara %20tti guddisneerra.

Bakka dhaabbannaa konkolaataa, sarara dhangala’aa bal’aa fi wiirtuulee calallii ijaaramaniiru.

Dhiyeessii bishaan dhugaatii magaalaa keenyaa %70 ol guddisuu dandeenyeerra.

Dhiyeessii manaa 480,000 biraan geessisneerra.

Dhaloonni qaamaan fi sammuun akka gabbatuuf giddugala ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan ijaarramaniiru.

Hospitaalotni haaraa ijaaramanii tajaajilaaf yoo banaman, warri turan ammoo haaromfamanii tajaajila sadarkaa eeggateef qophii ta’aniiru.

Magariisummaa fi uwwisa daandii magaalaa keenyaa %2.8 irraa gara %24tti guddisneerra. Kanaanis Finfinneen magaalota Afrikaa qulqulluu ta’an kurnan keessaa tokko ta’uu dandeetti.

Wiirtuu turizimii fi walga’iiwwan idil-addunyaa ta’uun, ji’oota sagalii bara 2018 keessatti konfiraansota idil-addunyaa 200 ol keessummeessineerra.

Hirmaannaa uummataa fi baajata mootummaan pirojektoota 60,000 ol xumurree tajaajilaaf banneerra.

Rakkoo tajaajila laafaa fi malaammaltummaa furuuf, tajaajiloota mootummaa wiirtuu tokkoo, tajaajila dijitaalaa dabalatee eegalchiifneerra.

Dhiibbaa qaala’iinsa gabaa hir’isuuf, giddugala gabaa fi gabaa Dilbataa babal’ifneerra.

Kanaafuu, misooma, nageenyaa fi hojiiwwan hawaasummaa keessatti osoo nu hin dhiisin nu waliin hojjetan jiraattota magaalaa keenya hunda baay’ee galateeffanna.

Hunda caalaa, uumaan nu gargaare galanni haa ga’u!

Uumaan Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

Kantiibaa Adaanech Abeebee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply