Finfinneen wiirtuu heddumminaa fi kalaqaa ta’uun ishee misooma si’ataa fi nageenya amansiisaaf bu’uura ijoodha- Waajjira Kantiibaa

You are currently viewing Finfinneen wiirtuu heddumminaa fi kalaqaa ta’uun ishee misooma si’ataa fi nageenya amansiisaaf bu’uura ijoodha- Waajjira Kantiibaa

AMN PLUS- Ebla 20/2018

Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ibsa “Heddumminaa fi Ammayyummaan Mallattoo Ijoo Magaalotaati” jedhuun baaseen, Finfinneen wiirtuu sabdaneessummaa fi kalaqa sammuu ta’uun ishee misooma si’ataa fi nagaanya amansiisaaf bu’uura ijoo ta’uu beeksiseera.

Badhaadhina magaalotaa ulaagaawwan mirkaneessan keessaa inni ijoon heddumminaa fi ammayyummaa ta’uu kan eeru ibsi kun magaalotni eenyummaa, afaanota, amantaawwaniifi aadaawwan garaa garaa namootni qaban waloon kan keessa jiraatan ta’uu ibsa.

Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa, Itoophiyaa fi Afriikaa taate ammoo kana irra darbee teessoo imbaasiiwwanii fi dhaabbilee idil addunyaa ta’uu addeessuun heddummina irratti kan bu’uurofteefi obbolummaaf dursa kennuun waggoota muraasaa as ammoo dameewwan garaa garaan misoomaa fi guddinni si’ataa galmeessisaa jirtu biyyoota Afriikaa fi addunyaa hedduuf fakkeenya ta’uu mirkaneesseera.

Gama saayinsii fi teekinooloojii, faayinaansii, tuurizimii, Ispoortii, Og-aartii, Kalaqaa fi hojiiwwan biroon milkaa’ina magaalattiin galmeessaa jirtu, sadarkaa idil addunyaa eeguun misoomaa jiraachuuf agarsiistuu ta’uu Waajjirri Kantiibaa hubachiiseera.

Finfinneen seenaa fi hambaalee biyyaalessaa misooma tuurizimiif fayyadamuu qofa osoo hin taane, dhaloonni haaraan seenaa isaa sirriitti beekee hubachuun akka guddatu, tokkummaa sabdaneessummaa akka kabajuu fi jaalala biyyaaf qabu akka cimsatu bu’uura guddaa kaa’aa jirti.

Yeroo ammaa kana magaalattiin misooma magaalaa fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qofa irratti osoo hin daangeffamin, dameewwan hunda keessatti yaadota haaraa hojii irra oolchuun “Ismaarti Siitii” ta’aa jirti.

Baballinni tajaajila dijitaalaa mallattoo ijoo magaalota ammayyaa keessaa tokko yoo ta’u, Finfinneen sochiiwwan dinagdee fi hawaasummaa hedduu dijitaalaawaa taasisaa jirti.

Yakka dursa ittisuu irraa kaasee yakkoonni raawwataman sa’aatii fi guyyaa muraasa keessatti qorachuun adda baasuu fi tarkaanfii seeraa akka argatan taasisuun Finfinneen magaalota hedduuf fakkeenya taateetti jedha ibsi kun.

Tajaajila mootummaa sadarkaa dhaabbataatti tuttuqqii namaa irraa bilisa gochuu, malaammaltummaa fi hojimaata badaa hambisuu qofa osoo hin taane, tajaajila mootummaa “Masoobitti” fayyadamuun gara uummataatti dhiyaachuun tajaajiluuf hojii eegalteetti.

Jiraattonni magaalattiis guddina saffisaa keessatti yaadota duubatti hafaa guddina fi babal’ina magaalotaa gufachiisan dhiisanii, ilaalcha sabdaneessummaa fi haala jireenya magaalaa cimsuun qooda fudhattoota misoomaa isaan ijoo ta’aa jiraachuu hima.

Lammiileen biyyoota alaa magaalattii daawwatan tokko tokkoon Finfinneen guddinaa fi misooma saffisaa keessa jiraachuu, uummanni ishee aadaa simannaa addaa kan qabuu fi kabaju ta’uu akkasumas yaaddoon yakkaa gadi aanaa ta’uu isaanii mirkaneessuun, Finfinneen bifa magaalaa ammayyaa isa sirrii ta’e gonfachaa jiraachuu ishee kan agarsiisu ta’ee waajjirichi hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply