
AMN PLUS- Ebla 20/ 2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee magaalattiin hambaalee seenaa kunuunsitee tursiisuun, dhiibbaa jireenya jiraattotaa hir’isuufi giddu gala turizimii addunyaa ta’uun bu’aa olaanaa galmeessaa akka jirtu ibsan.
Magaalaa Finfinnee giddu gala daldalaa, dippiloomaasiifi gahumsa turizimii taasisuuf hojiileen damee baay’eedhan qabatamaan eegalamuu ibsaniiru.

Yaadannoon injifannoo Adwaa ijaaramuun tokkummaa lammiilee Itoophiyaa kan olkaase ta’uu kan ibsan Aadde Adaanech, riqichi Raas Mokonnin, manneen sinimaa duraaniifi manni qopheessaa iddoowwan seena qabeeyyii misooman ta’uu kaasaniiru.
Finfinneen yaa’iiwwan idil-addunyaa keessummessuufi giddu gala turizimii addunyaa ta’uuf saffisaan imalaa kan jirtu ta’uu kan himan Kantiibaa Adaanech, baatiiwwan saglan dabran qofatti walga’ii 200 ol Finfinneetti adeemsifamuus yaadachiisaniiru.
Walga’iin kunneen guddina konfiraansii turizimiitiin Birrii Biliyoona baay’een galchuu caalaa hoteela, daldalaafi dameen geejjiba magaalattii akka si’atuu taasiseeraas jedhaniiru.
Dorgommiiwwan gurguddoon idil addunyaa kanneen akka “Addis Ababa Grand Prix, dorgommii buunyaafi biskileetaa Finfinneetti adeemsifamuun isaanii jiraattotni jaalala ispoortii akka qabaatan taasiisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabus Kantiibaa Adaanech himaniiru.

Kantiibaa Adaanech gabaasa waggoota shanan dabran keessatti hojiilee misoomaatiin jijjiirama olaanaa galmeessuun danda’amuu kaasuun akka fakkeenyaattis uwwisni misooma magariisummaa %2.8 ture gara %22’tti ol guddachuun qaama hojiilee milkii magaalatti tahuu eeraniiru.
Gara fuulduraattis misooma koriidariifi bu’uuraalee misoomaa ammayyeessuuf hojiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e