Finfinneen namoomaaf dursa kennuun hojjechaa jirti – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Ebla 20/ 2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech bulchiinsi magaalichaa hojii hojjetu hundaan namoomaaf dursa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaanis bakkeewwan Finfinnee keessaa 74% tahan jireenya dhala namaaf kan madaalle akka turan kan ibsan Kantiibaa Adaanech har’a namoomaaf dursa kennuun hojii hojjetameen 30% tti gadi buusuun danda’amuu qorannoo raawwii karoora hojii baatiiwwan 9 bara baajataa 2018 gaggeeffame irratti kaasaniiru.

Aadde Adaanech hojiileen Finfinnee keessatti hojjetaman akkasumaan osoo hin taane kan gatiin itti kaffalame tahuu ibsuun bifa kabaja dhala namaa giddu galeessa taasifateen fulla’uus hubachiisaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa manneen waliin jireenyaa ijaaruun dabarsuun lammiileen aadaa waliin jireenyaa akka gabbifatan taasisuu kan eeran Kantiibaa Adaanech gama biroon ammoo haalota mijatoo hin turiin mijeessuun manni lammiileef akka dhihaatu gochuun danda’amuu hubachiisaniiru.

Waggoota shanan darban kutaalee magaalaa hundatti manneen sadarkaa isaanii eeggatan akka ijaaraman taasifamuu gabaasa keessatti kan eeran Aadde Adaanech kunis Finfinneen simboo miidhaginaa akka gonfattuu taasisuus dubbataniiru.

Manneen ijaaruun gamatti bu’uuraaleen misoomaa sadarkaa isaanii eeggatan guutamuus milkaa’ina dabalataa tahuu Kantiibaa Adaanech ibsuun karoorri Finfinnee jiraattota isheef mijattu uumuu namooma giddu galeessa taasifachuun toora qabachuu hubachiisaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply