
AMN PLUS – Ebla 21/2018
Itti Gaafatamaan Buufata Boba’aa maallaqa fudhachuun dabaree malee boba’aa waraabsisaa ture waahillan isaa sadii waliin to’annoo seeraa jala ooluu Poolisiin Finfinnee beeksise.
Gochichi Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Aanaa 13 Naannawaa Tulluu Diimtuu jedhamuun beekamutti buufata boba’aa tokko keessatti tibbana kan raawwatame ta’uu Poolisiin ibseera.
Shakkamtootni konkolaachisaa “IVECO Tracker” jedhamu lakkoofsi gabatee isaa koodii 3-75883ET tahe waliin walii galuun halkan sa’aatii 9:30tti akka gara buufata raabsaa boba’aa dhufu taasisuun, boba’aa waraabuuf birrii Kuma 30 akka kaffalu waliif galuun isaanii hubatameera.

Itti Gaafatamaan Buufatichaa Teewudroos Shaambal jedhamu kun haala mijeessuun halkan yeroo jedhametti osoo konkolaataa IVECO kanatti kuuppoonii fi dabaree malee boba’aa waraabuu kan hordoffii poolisiin qabame yoo ta’u maallaqa inni hojjataa eegumsa konkolaataatti kennisiises, harkaa fi harkatti qabamuu danda’eera.
Boba’aa deggersa olaanaa mootummaan taasisuun gara biyyaa seenu abbootii qabeenyaa fi hojjattoota buufata boba’aa karaa seeraan alaa fayyadamuun akkasumas boba’aa waraabuun bakka biraa geessanii gurguruun biyya saamichaaf saaxilan irratti tarkaanfiin eegalame kan itti fufu ta’uu fi hawaasnis eeruu akka kennu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee ibsa AMN’f ergeen dhaamsa dabarseera.