Tarsiimoon lammiilee Itoophiyaa hirkattummaarraa bilisa baasuuf bocame bu’aa buusaa jira – TKM

You are currently viewing Tarsiimoon lammiilee Itoophiyaa hirkattummaarraa bilisa baasuuf bocame bu’aa buusaa jira – TKM

AMN PLUS – Ebla 22/ 2018

Itoophiyaan wabii nyaatatiin of danda’uuf imaammatni tarsiimoo diriirsite har’a lammiilee Miliyoonaan lakkaa’aman hirkattummaa jalaa baasuun gara oomishtummaatti kan ceesise walitti fufiinsaan milkaa’inni baay’een galmaa’aa akka jiru ibsameera.

Waggoota hedduuf osoo itti hin fayyadamin kan turee humna namaa baay’ee gara birmadummaa dinagdeetti ceesisuuf bu’aan imaammataa eegalame egeree Itoophiyaafis wabii nyaataatiin akka of dandeessuuf saffisiisuun imala seenaa haaraa dhugoomsuu akka ta’uus ifoomeera.

Bu’aa kanaafis bu’uura kan ta’ee imaammata dinagdee gooroo biyya keessaa fooyyessuun kutannoon hojitti kan galame yoo ta’u, caaseffama kanaan dura gargaarsa biyya alaa irratti rarraa’e ture jijjiiruun oomishtummaarratti xiyyeeffachuun akka danda’ames kaafameera.

Kanaaf ammoo agarsiistuun damee qonnaa kilaastaraafi imaammata misooma qamadii jallisiin qonnaan bultootni waggaatti si’a lamaafi sadii oomishuun wabii nyaataa maatiidhaa hanga biyyaatti of danda’uuf carraaqqii xiiqii qabu taasifamaa akka tures ibsameera.

Kun ammoo Itoophiyaan gargaaramtummaa qamadiirraa gara qamadii biyya alaatti erguutti akka ceetu taasiisera.

Inni biraa tarsiimoo milkaa’an imaammata seftineetii deggarsaa dhaabbii irraa adeemsa hirmaannaa misoomaatti ceesisuun jijjiiramni argamuu isaa akka ta’e ibsameera.

Mootummaan lammiilee dhaabbiidhan deeggaruuf akka filannootti yaadama fudhachaa ture sana jijjiiruun, lammiileen hojiilee misoomaa irratti bobba’uun akka of danda’aniif tarkaanfin imaammata fudhatame bu’aa kan fide ta’uu ibsameera.

Hojiin ashaaraa magariisaa akka biyyaatti duulaan lammiilee Itoophiyaatiin taasifamee bu’aa qabatamas argamsiisa akka jirus eerameera.

Bu’aan hojiilee misoomaa fooyya’iinsa imaammataatiin argaman imala badhaadhina biyyatti mirkaneessuuf caalmaatti saffisiisaa akka jirus ifoomeera.

Jijjiiramni Itoophiyaan roga maraan mul’isaa jirtu kunis ijaafi gurra addunyaa biratti fudhatama guddaa kan argate tahuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa odeeffannoo baaseen ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply