Pirojeektiin Paarkii Araadaa rakkinatu bal’inatti jijjiirame – Kantiibaa Adaanech

You are currently viewing Pirojeektiin Paarkii Araadaa rakkinatu bal’inatti jijjiirame – Kantiibaa Adaanech

AMN PLUS – Ebla 22/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) fi Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee bakka argamanitti pirojektiin Paarkii Araadaa eebbifamuun tajaajilaaf banaa taheera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee saganticharratti erga dabarsaniin pirojeektiin Paarkii Araadaa rakkinati bal’inatti jijjiirame jedhaniiru.

Aadde Adaanech pirojektichi seenaa jireenya gadadoo, balfaafi sodaa faalama naannawaa akkasumas ilaalcha hiyyummaa kan jijjiire ashaaraa cimaa kan kaa’e tahuu ibsaniiru.

Godaannisa badaa kaleessa ture suphuun miidhagina Itoophiyaafi seenaa haaraa dhalootaaf darbuu lafa kaa”uu danda’us hubachiisaniiru.

Naannawaa Piyaaassaa Birbirsa Gooroo irraa jiraattota deeggarsa misoomaaf kaafamaniif kan kaleessa keessa turan caalaa manneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggatan, qilleensa gaarii qabaniifi kabaja namaa eeganitti galchineerra kan jedhan Kantiibaa Adaanech dhimmoota jireenya hawaasummaa isaanii waloon akka tursiifatan taasisaniifis guutneerraan kaasaniiru.

Piyaaassaa deebifnee yeroo ijaarru, haala aadaafi ammayyummaa walitti fiduun hojjenne kan jedhan Kantiibaa Adaanech sirna magaalummaa dhugaa agarsiisuun hojjetameeraas ibsaniiru.

Misoomni qarqara laggeenii haalota hedduu gara miidhaginaatti jijjiirus ibsuun bakki turistootni daawwatan teessumni lafaa ija hawwatuufi maddi carraa hojii pirojekticha keessatti hammatamu ibsaniiru.

Paarkiin Araadaa lafa hektaara 40 irratti ijaaramee, bu’uuraalee misoomaafi tajaajiloota adda addaa of keessatti qabate keessaa;

  1. Daanddii Geejjibaafi Bu’uuraalee Misoomaan daandii asfaaltii km 5, daandii miilaa km 6, daandii saayikilii km 5, daandii fiigicha gufachiisaa km 5
  2. Tajaajila daldalaafi faayinaansiin suuqota ammayyaa 131 daldaltoota Piyaassaadha kaafamaniif dursa kan kenname, Kaafteeriyaawwan fi manneen nyaata 7, suuqii guddaa tokkoo fi baankii tokko
  3. Tajaajila Ispoortii, Ogummaa Aartii fi Bashannanaaf oolan,Gym fi iddoowwan ispoortii
    Pilaazaa 8 fi amfiitiyaatirii 3,Faawuntiin socho’aa,mallattoo biyyaalessaa kan tahe Alaabaa biyyaa kan itti fannifamu dheerina meetira 100 qabu
  4. Iddoowwan taphaa daa’immaniifi maatii tajaajilaan 4, magaalaa xiqqootti kan fakkeeffame daa’immaniif bakka muuxannoo akka biyyaatti irraa qooddatan tahuun kan tajaajilu
  5. Bakkeewwan miidhagina uumamaa gonfatan misooma magariisummaa biqilootaan uwwifame bal’ina hektaara irra kan buufate, mana fincaanii tajaajila uummataaf oolu 22, bakka dhaabbii konkolaataa bal’aa waliin kan misoome tahuun ibsameera.

Pirojektiin Paarkii Araadaa haala itti fayyadama lafaa kan agarsiise jalatti suuqiifi galmaaf irratti ammoo pilaazaa misoomsuun danda’amuun ibsameera.

Dabalataan naannawicha kan turan manneeniifi gamoowwan 700 caalan seenaa isaanii ganamaa osoo gadi hin lakkisiin haaromfamaniiru.

Paarkichi daldalaa hanga ispoortii, iddoowwan bashannanaa maatiif tajaajilanirraa hanga taateewwan idil addunyaa keessummeessuu ofkeessatti kan qabate bakka gahumsa  turistootaa haaraa magaalattiin akka simboo dabalataatti gonfatte tahuun himameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply